AFAAN NADHII DAMMAA


Taammanaa Bitimaa irraa
bar
Nama nama kan taasisu
Bineensa-rraa kan adda baasu
Aadaa dha; sammuu dha
Kanaafis afaantu burqaa dha!

  Afaani maddi aadaa
Afaani burqaan yaadaa
hundeen qaroominaa
Bu'urri gamnoominaa!

Afaan Oromoo koo
Afaan aabbo-haayyoo too
       Yaa-faan nadhii dammaa
Sii n barreessuun
Siin tarreessuun
Marcuma keetti si deebisuun
Bakka uumaa-kee si teessisuun
       Ilaa kunoo ammaa
Amma yeroon isaa
Si kabajuun akka risaa!

Afaan Oromoo koo
Mee yaa miidhamaa koo
Walaloo dhangalaasuun
Galaana-saa olkaasuun
Geerrarsaan biyya kaasuun
Sansalata sirraa baasuun
Yeroon-saa kunoo ammaa
Yaa afaan nadhii dammaa!

Damma daraaraa ejersaa
Damma daraaraa birbirsaa
Damma makkanniisaa
Harkisaa ilmaan kanniisaa
Jaannamattillee an yooman si dhiisaa?

Afaan Ormaa beekuun
Garba gamattillee
Ulfina guddaa-dha
saba ofiitii-llee
Kan ofii wallaaluun
Karrum durattillee
Salphina guddaa-dha
Mataa ofiitii-llee!

Afaan afaanumaa
tokko tokkon caaluu
Kan caalchisu numaa
Dhipphina ilma namaa
Seera gadaa dhiifnee
Seera mataa dhiifnee
Kan gabrummaa tumaa!

Afaan afaanumaa
Kan Oromoo inni Afrikaa
Kan Oroppaas-Ameerikaa
Hunda Waaqatoo uumee
Birmadummaan shuumee!

Yaa-faan nadhii dammaa
       Siin dhaadachuun
       Siif dhaadachuun
       Siif koodee waammachuun
       Siin booree baafachuu
Eekaa kunoo ammaa!

"Misingaa gabaabee
Tacee gabaa biraa
Hiriyaa shan taatee
Dawwee garaa hiraa!":
       Jedhanii akka jagnaa dhiichisuun
       Miilan dachee sochoosuun
       Onnee gabrummaa dhoosuun!

"Sarbaan lafa dhiitii
Dhiitii bishaan baasii
Diina-kee achi dhiibii
Dhiibii biyyaa baasii!":
       Jedhanii akka gootaa dhiichisuun
       Kotteen lafa qotuun
       Faaruu gamnaa dhotuun
       Kunoo amma ammaa
       Yaa-faan nadhii dammaa!

"Kaawoon deebitewoo
Deebitee oohoo
Deebitee eehee
Yaa addunyaa sardaa
Yaa irree abbaa fardaa
Baga kaawoon deebitewoo!":
       Jechaa fuudhaa galuun
       Buna eebbaa qaluun
       Odaa biyyaa dhaabuun
       Faajjii sabaa olkaasuun
       Kan gabrummaa ach-baasuun
       Ilaa yeroon ammaa
       Yaa-faan nadhii dammaa!

Oggaa siin barreessan
Afaan keessaa yaa'a nadhiin-kee
Oggaa siin tarreessan
Sammuu keessaa yaa'a yaanni-kee!

Geerrarsi-kee kumaa fi kumaatamaa
Weedduun-kee dhibbaa fi dhibbaatamaa
Jechayyaaleen-tee urjiiwwanii
Mammaaksi-kees xaafii-dha midhaanii
Homaan lakkaawamuu
Waraabameen dhumuu
Hiibboon-kee cirracha Abbayaa-tii
Dabalees mi'oo akka dammaa-tii!

Silaa walaloon-keewoo dammaa
Gadum yaa'a ammaa ammaa
Silaa jechi-keewoo buburree
Qooqni-keesoo cocorree
Abjooteen-tee gabbattuu!
Badaarraan hanqattuu
Sheekkoon-tee babbareedduu
Akka fardeen hurufa keessa dheedduu!

Yoo siin barreessan
Ni yaa'a walaloon-kee
Akka galaana Awaash dhangala'aa
Goodaa keessa ciisee dambala'aa
Lafa jijjiisee
Biyya gabbisee:
       Akka buna Jimmaa
       Akka garbuu Jiddaa
       Akka jimaa Jaarsoo-Carcar
       Akka xaafii Bachoo-Shaggar
       Akka omborii Salaalee
       Akka qamadii Baalee
Biyya sooromsee misoomsaa
Saba boonsisee akka sorsaa!

Afaan arraba eebbaa
Afaan biyya eebbaa
Buburree akka birraa
Kan ililliin jifaarame
Kan ililchaan leellifame
Nadhii akka dammaa
Maaf gadqaban ammaa?

Akka hin tarkaanfannee
Bara dheeraa hidhamtee
Dirra keessa dhaanamtee
Bacoon si xuuxxee
Tafkiin si gubdee
Zabiin si garafee
Daanyaan sitti muree
Qeesiin kana eebbisee
Magantii itti dabalee!

Fannoo kabajamaatiin-illee
C imsee si kabalee
Arrabsoon si waxalee
Afaan sheexanaa siin jedhee
Isa lafarratti dhabde
Waaqaratti-llee si dhoowwuuf ka'ee
Ofumaaf WAAQA sitti ta'ee!

Jabbilee biyya gadaa
Ijoollee dachee odaa
Abdii biyya kiyyaa
Boruu Oromiyaa tiyyaa
Abjootaa afaan keessaniin
Abjootaa afaan keessaniif
Dubbaddhaa afaan keessaniin
Dubbaddhaa afaan keessaniif:

       Manattis alattis
       Gamattis gamanattis
       Karaarrattis biroottis
       Xayyaara irrattis
       Konkolee keessattis
       Masaraa Mallasittis
       Bataskaana jaraattis
       Galamaa fi masqiidattis
       Bakka hundaa bakka halle
       Jannataa fi jaannamattillee!

Kan qawween dhufes
Kan nagaan dhufes
Oromiyaa keessatti
Dachee gadaa irratti
Afaan gadaatii n haa dubbatuu
Aadaa odaa haa kabajuu
Gaafaddhaa "erga dhuftee hammami?"- jedhaa
"Maa sammuu-kee cuftee?"
"Maa wallaalummaan boonta?"- jedhaa
Gaafaddhaa arraba dhadhaatiin
Toosisaa jecha akka dammaatiin!

Namni Gondor dhaqe
Afaan Amaaraa barataa
Kan Maqadhisoo bu'e
Afaan Somaalee barataa
Kan Damaasqoo dhaqe
Afaan Arabaa barataa
Kan Jarmanii deeme
Afaan Jarmanii barataa
Hunduu akkanuma biyya kamittillee
Sanyii fi aadaa hallettillee
Kan Biyya Abashaarraa
Oromiyaa dhufe
Maa maaf wallaalummaa itti fufee
Oftuulummaan ija ofii cufee?

Jabbilee Oromoo
Waabee kaasee Omoo
A-b-c jedhaa qubeeffaddhaa
Quba walqabaaddhaa
Tokkummaan humnaa qalbeeffaddhaa
Hundee-saa cimsaa jabeeffaddhaa!
Oljedhaa dhiichisaa ragadaa
Gabrummaa walta'aa cagadaa!

Shaggooyyee shaggeessaa
Wallaalummaa biyyaa balleessaa
Iyyaasee kumkumaa
Duubatti hafiisa tumaa
Ashaa ashilee weeddisaa
Coqorsa qapphaa wal-eebbisaa
Xiqqaa guddaan wal-leellisaa
Tokkummaan BILISUMMAA biyyaa deebisaa!


Roomaa, Amajjii 1989; Barliin, Ebla 2004
** Walaloon kun Fulbaana 6, bara 2004, walgayii THBO (ULFO-n) Biyya Jarmanii, Firaankifurtii keessatti waame irratti kan dubbifame.

:: Taammanaa Bitimaa ::  
bar