Afaan Oromoo Siida Oromummaa
- Guyyaa afaan haadhaaf dhaamsa gumaa -

Dhugaasaa D. Goobanaa
bar
Baatii Guraandhalaa gaafa digdaamii tokkoo,
Yaadaannoo afaan haadhaaf ibsachuuf hawwiikoo,
Waan seensa na ta'u yaadaadhe gorsa abbaakoo.

“Gorsa afaan haadhaan hiika abjuu huubaatu”
“Dhagaayi afaan haadhaa gufuun sin rukuttu”
“Jaalalafi harma haadhaan gaafa afaan hiikaattu”
“Muuxaannoon si gorsaatti akkatti tarkanfaattu”
“Abdadhu afaan haadhaa daroomiin sin dhooftu”
“Hawwii qabdi quufakeef akka oromaa sin saamtu”
“Haati jaalala dhalaaf na nyaate qufe hin jettu”
“Galaan siif gaalasaamu waan dhaqaaf gala nyaattu”
“Dhumasaaf hin yaaddaayiin haati waakki hin beektu”
“Eebba afaan hadhaa roobun laalisa waan googaatu”
“Ilima ebbaan guddate kan lammiinsaa abdaatu“
“Tokkummaaf wal-abdii qomoo humni diinni sodaatu“
“Kanaaf hin dagaatiin waan afaan haadhaan himtu”
Na gorse dhaamsa seenaa! Oromoon qalbeeffattuu?

“Seenaa boru itti boonan yeroon hiikkatu rakkoo“,
“Hawwii hedduutu jiraa” keessumaa kan sabakoo,
Bilisummaa fi Walabummaa dhuunfachuuf gaaftokko,
Misooma afaan Oromoon fala tilmaamuuf hiikoo,
“Seenaa guyyaa afaan haadha” haa hubaannu waatokko.

Seenaa qabsoo goototaa jaalala afaan haadhaaf,
Warra tasa dhuman mirga uumaa dhugaadhaaf,
Afaan haadhaa hin goguu dhiiga dhalasheen jiidhaaf,
Yaadaatu guyyaa kana dhala dagaatan gorsuudhaaf!


Haayyuutu lammii gorsa yoo qabaate Beekuumsa,
Kun gorsa yoo jeettanis yookan himaa dhaamsaa,
Qomoon na ofkolshaa beekaaf dhiise hiikasaa,
Seenaa guyyaa afaan haadhaaf yaadan qabun ibsa,
Afaan Ormaan miti Afaan Oromoon tumsa!

Afaan dubbii hin dhiisu uumamatu dirqisiisa,
Lammiin himaa adara afaan Oromoo seenaasaa,
Diinaatu duuchaan malee himeetu gammachiisa,
Seenaa gammachuuf safuu boossiisee kolfisiisa,
Adabni afaan haadhaa booyiichiif gaddisaa,
Kan namtokkoo miti golfaa dhukkuba hawaasaa,
Yaa uummata Oromoo haa qotannu qorichasaa,
Dhugaa otoo qabnu waan dhabneef bilisa,
Har'a gammachuu miti gaddatu nu boossiisa.

Dhiibe sirna gabrummaa kan qufaanu eelaansaa,
Onneetu nu dhiiga soonbi nu hawwe qilleensaa,
Garaan nu gubate dhaqna nu hoqsisa,
“Waaqni cittoo kennee hin waakkatu qeensa”,
“Qabsoo daandii dheeraaf nuu kenneera obsa”,
Qoricha ormaa abdachuun gargaarsaa fi gorsa,
Nu hin fayyisu lammii seenaatu nu gorsa,
Tokkummaan yoo hoqqane dhuunfanna bilisa.

Tokkummaa saba Oromoo siida oromummaa,
Diinni gargar nu diigu muuxannoof jibbamma,
Qabsoon saba Oromoo kabajaaf mirga uumaa,
Haayyuu! Diinaaf akka galuuf afaan Oromoon himaa,
Sin guddisa nun jedhuu? Dhaalli afaan Ormaa,
Uggum gorsa alagaaf hundeen soba xaxamaa,
Muuxannootu nu gorsa dharri yoom dhugoomaa?
Qomoon yoom wallaale daba abbaafi ilmaa,
Afaan sirna gabrumman arrabni lammii hidhama.

Afaan Oromoo balleessuuf siida oromummaa,
Erga bara dhibbaa seera jallaatu tumama,
Qomoon haa huubaannu fedhii sirna gabrummaa,
Kan afaan nama hidhu ni jaamsa ija namaa,
Gurra nama duucha yoo faarsu dharaan misoomaa,
Garaa nama maageessa nama hudha morma,
Lafee nama raammessa yoo xuuxu dhiiga qamaa,
Daandii cubbu deema hawweetu qabeenya ormaa,
Sammu yaadu adaamsa dhukkaamsuf qarooma,
Of tuffiif nama qara yoo labsatu gooftummaa.

„Galma irranfatani kan bareechu keessummaa“,
Ollaan kabaja hin beekne gola nu lixee garmaama,
Humnaan nu ajjeessun warri nu dhorkan birmadummaa,
Afaan nu dhukkaamsuun warri nu dhoksan eenyuummaa,
Har'a maaltu dhalannaan faarsuu wal-qixxummaa?

Hundee hin qabu nu dhiisaa hidda obbolluummaa,
Oromoon sanyii kuushi hubadhaa hidda uumaa,
Habashaan sanyii seemii kanaaf Oromoof orma,
Aadaan wal hin beeknu ibsaa seenaa eenyummaa,
Afaaniin walii hin gallu maal keenyattu tokkumaa?,
Uumaatu gargar baasa seemummaaf oromummaa!

Safuu kan namaa eegu kabajan mirga uumaa,
Hundee ilaala saba Oromoo ibsaaf siida Oromummaa,
Sirna aadaa abbaa gadaa kan muudu wal-qixxummaa,
Kanaaf jibba Oromoon sirnaaf aadaa gooftummaa.

Seenaa hin irraanfannu isatu dhugaa hima,
Kan habashaa hubadhaa nuuf hin ta'u gonkumaa,
Wal-qixxummaa hin beekaani jaalala obbollummaa,
Cabbi gaddaa nuu roobsu gadaa malbaatu dhorkama,
Aadaaf dhugaa hin beekaani dharan fedhu misooma,
Warra angoof wal ajjeessu hin beekan aadaa gumaa,
Haayyuun hin dagatiina egereef nuu tilmaamaa,
Gorsiif gargaarsi ormaa hin fidu Bilisummaa!

“Kan afaanii tufaniitu kan garaa wajjin kufu”
Jedha himni Oromoo yoo ibsu seenaa fufu,
“Afaan hiikkadhaa lammiin tarkaanfadha gufuu”,
Bilisni mirga uumaa qabsofnu malee hin dhufuu,
Jechoota gorsa aadaa nagaaf lammiin hin nuffuu,
“Hawwii gabbiinaaf miti qufaaf nyaatu raafuu”,
Gargaarsa afaan ormaan lammiin deege hin quufu,
Seenaaf akka hin daganne diina lafee hurgufu,
“Afaan qaphaa jedha gaafa nu nyaate quufu”,
Safuu hin eeggatu nu ajjeesee hirmii hin tufu,
Yoomiyyuu ciisee hin bulu diinni nutti gugguufu,
Afaan Oromoo jigsuuf roobsaa jira karfafuu,
Gindaa dirriisa buusa boru bakakkaan nu hin hafu,
Lammii hin dagatiinaa dharri afaan nu hin cufu,
Dirqama uumaa qabna qabsoon mirgaa akka fufu,
Haa iyyannu seenaaf “dhugaan badee hin hafu“.

Jaalala afaan haadhaaf yoo qondaalli dhiiga biifu,
Abjuu ormaaf yoo rafnes „duuti seeraa nu hin hafu“,
Seenaan hin irraanfaatu goota dhugaaf jedhe kufu,
Haa kufnu afaan Oromoof akka diiroof nuu fufu,
Haa abjoonnu afaan keenyaan dukkani akka nuu ifu!
Lammii hin dagatiinaa diinni nuu nyaate hin quufuu,
Hundeensaa yoo tortores qabsoo malee hin kufu!

Lammii qalbeeffadhaa ekeraatu dhaadata,
Jaalala afaan haadhaaf warri dhuman gootota,
Har'a dhaadhessuuf miti beekameera kun qaata,
Addunyaan walii galteen bara baran yaadataa!

Guyyaa afaan haadhaa haa yaadannu lammiin,
Baatii Guraandhalaa otoo hin gogiin qarmiin!


Qarmiin Afaan Oromoo hin gogu ni lalisa,
Guyyaa gugguufanii halkan dukkana keessa,
Balleessuuf yoo badadaanis kuusaafi dilbiisaa,
“Buwaasaatu” lammii qubsa diina isatu aarsa!

Adaraa dhageessuu seenaa afaaniif dhaamsa,
Dirree qabsoo jirra qomoon irree ol kaasaa,
Bifa seenaa qabuuf faajjii walabaa afarsaa,
Gurraacha diimaafi adiin Oromummaa ibsa.

Hacuuccaa jibbinee kadhaa diinaa nu dhiisaa,
Oromoo dhugaaf dhuman gootota nuu faarsaa,
Faarsu qofa miti gumaaf hawwiina gargaarsa,
Afaan alaga miti irree qomootu nuu baasiisa,
Tokkummaan yoo deemne dhunfanna bilisa,
Wal jalaa haa qabnu yeelalaafi weeddisa,
Iyyaa iyya dabarsaa qomoon walii tumsaa!
Afaan orman miti afaan Oromoon labsaa!

Beekaan nuu birmadhaa seenaa nuu odeessaa,
Himaa! Kuusaa afaan Oromoon bu'uura beekumsaa,
Maal haa dubbannuu? Dhiisaa! Sagalee ol kaasaa,
Maal hawwitu qomoon? Afaan kamtu nu ibsaa?
Maaliin abjoottu lammiin? Rakkoo jiru hiikasaa?
Maal haa barreessannu qabsoo Oromoo seenaasaa,
Jechoota hiikni hedduun bu'uura gorsaf dhaamsa,
Koobaa iitoo dubbii himootaa fi mammaaksa,
Kan baranne miti isa kan uumaatu dursa,
Gaaf'ii dhugaa qabuuf ol guurradhaa qilleensa,
Fedhii namtokkoo miti kan sabaa nuuf dursaa,
Nuu himaa xinxaala beekuu feena dhugaasaa,
Afaan kan haadha moo kan ormaatu nu qubsa?,
Sammuu ormaan yoo yaadne dhunfannaa bilisa?
Afaan Oromoo maalin, maal jedheetu nu gorsa?
Yaadattuu? Bu'uura dubbii hima gorsa mammaaksa,
“Kan qomoon tuffate ormi namaa farsaa?”
Gaaf'ii qofaa miti nuuf hubadhaa deebiisaa.

GBO-f afaan Oromoo siida oromummaa,
Kan gita hin qabne utubaa eenyummaa,
Kan gabbisu qomoodha dhaadhesee misooma,
Fakkeenyaaf hubadhaa yaadaafi yaaddoo uumaa,
Seenaa afaan Oromoon eenyutu tuqamaa?

Yoo sirbu Alii Birraa afaansaa dammumaa,
Seenaa sabaa xinxalee hundee sabboonummaa,
Yoo faarsu lammiisaa Booranaafi Bareentumma,
Xinxalee yoo ibsu hidda jabeessu tokkummaa,
Gaaf'iin yoo qoratu kan seenaan dhugumaa,
„Karaan mana abba gadaa eessaa?”
Deebiin gaaf'ii kana lammii hundaaf dhimmaa,
“Galmasaa jajjabeessuf qomoon ijaaramaa!”

Rakkoo jiru balleessuf waanjoo sirna gabrummaa,
Kan afaan nu cufe cabsee mirga uumaa,
Yoo nuu ibsu hiikasaa daandii Bilisummaa,
Mee dhagayaa jedhe lammii gorsa waan dhimmaa,
Egereef tilmaama wabii birmadummaa,
”Mataa abbaan tuffate ormi hawwaa sumsuma”,
“Kan sammuun yaadamu afaaniin himama”,
Afaansaa yoo dhaadhessu Hundee Oromummaa,
Oromoon ittiin boona diinni itti guumguma,
Boona saba Oromoon diinni hurgufama!

Busaan qabaman miti kan isan hurgufu beekamaa,
Dhugaasaa waan beekaaniif kan godhan ganama,
Tolasaa jijjiraani akka muudan maqa ormaa,
Yaaddoo qabu galgaalaaf hawwiisaniitu dooma,
Guddina afaan Oromoon Oromummaan misooma,
Kun akka hin dhugoomneef diinni nutti guumguma.

Jaalannee seetani nuuf beekaa seenaa gumaa,
Aadaa hammachiisaan maqaan mogafamaa,
Kaan seenaa yoo ibsuu kaan hawwii egeree hima,
Kaayyoo qabna lammiin hawwii walabummaa,
Kaawoo gamtaa Oromoof yeroon nu tilmaamaa,
Nagaroo hin qabu humnaaf kadhaan ormaa,
Humni qomoo hin dhibnee kan nuuf baasiisu gumaa,
Lattuu fi Biqilaa Oromiyaa hedduutu waregama,
Kan iftu akka biiftu dhugaa xinxalaan himaa,
Gargar facca'uu keenya kan nutti goobse orma,
Tokkummaan haa malannu borus nu biituuf rom'a!

Seenaatu nu guba yaa lammii dhageessaa?
Dhiibbaan aadaa ormaa dhiiga sabaa loolasa,
Cabbi dharaa roobsee fedhiisaaf buubbisa,
Erga bara dhibbaa lammii kan dhoowwu ciisa,
Kan halkanii hanqatee guyyaa nu wareersa!
Baaxii manaa nu diiga utubaa nu raasa,
Baaxii saba Oromoo haa ajjeeranu aadaasaa,
Oromummaa keenyaaf afaani utubaansaa,
Lammii qalbeeffadhaa nu himaa dhugaasaa,
Mana ijaaruuf qabsofna dhuunfachuuf bilisa,
Biyya Oromiyaa mana gootootaafi gameesaa,
Utubaa diinaan jigeefi baaxii maaltu ol kaasaa?,
Yoo lammiisa malee beekaafi ogeessa.

Beektotaaf ogeessonni mee nuuf himaa mala,
Sirna cunqursaa malee maaltu afaan cuqqaalaa?
Qomoon yoo daganne fedhii qabnuf xinxaala,
Kan darbe seenaadha boru nu guba caalaa,
Kanaaf itti haa yaadnu gorsaaf jecha ollaa,
Isa kamtu kamiif? Bu'uura dubbii ilaalaa,
Kaan jallisaa nu hawwaa kaan maqsaa talilaa,
Eenyuutu jedhee miti maaltu jedhamee xinxalaa.

Bilisummaa fi walabumma dhebuun saba bal'aa,
Hundee kan buqqiisan lammiif dhibee beela,
Jallisaa moo maqsaa kaamtu dhebuuf nuu tolaa?
Hin beekneen deebii hin ta'u gaaf'ii seenaa tellaa,
Lameenuu tokkuma maqaaf miti xinxalaa,
Saba Oromoo hin baasan dhebuu dhugaaf beela,
Jallisaa jennus maqsaa hawwiin angoo jallaa,
Nuu hin sorooressu bilisaaf seenaa dhugaaf ilaalaa!

Qocqocaa fi daaxaa maaltu gargar baasaa?
Qomoon kaabaa fi kibbaa nu himaa hiikasaa,
Qomoon bahaa fi lixaa dhangaa nuu mi'eessaa,
Qocqocaas ta'u daaxaa maqaatu gargar baasa,
Oromoof tokkummaa dhangaan waan aadaasaa,
Isin guba nuun jedhu afaan keessanif dhiisaa,
Qocqocaan maal guba kan hin beekneetu odeessa,
Waan aadaa dhaadhesse afaan lammii mi'eessa,
Sirna aadaa gabrummaa kan nu gubuutu isa,
Lammii gargar bittimsee humnaan bituuf wixxisaa,
Ah! Tokkummaan maal guba diina isatu kolaasa,
Hawwii angoof miti gootni Oromoo dhiiguunsaa,
Lammiin hin dagatiina mirga uumaaf bilisa,
Waan keenyaaf nu gubu tokkummaatu dhukkaamsaa.

“Sodaa daandii dheeraaf gowwaan ala bula”,
Lammii itti haa yaadnu akka hin taane wallaalaa,
Afaan saba Oromoo akka nuu galaasuuti galaa,
“Asiin dhiyoo daandiif hin wallaaliinaa balbala”
“Galaana daakaa gooni maqsaa addaggee utala”,

Afaansaan namni hin yaadne of hin yaadu beekaa,
Aadaasa hin misoomsu hiphoo deebiin hiphakka,
Sirba mormaan hin daaku dallansuun bokoka,
Lammii tuffii guddisa waan hundaa isatu beeka.

Addaggeen maaf dallaantu aadaa Oromoon obsaa,
Haayyuu bulan qoradhaa Afaan Oromoon gorsa,
Waa dubbii qofaaf miti seenaa dhugaa mul'isa,
Akkaata namni yaadu kan sammuu beekuumsa,
Riqaa quunnaamti miseensaa kan sabaa fi hawaasaa,
Hima gammachuuf gadda bu'uura gorsaaf dhamsaa,
Jiruuf jireenya mi'eesa aadaa sabaaf seenaa ibsa,
Afaan haadha kanaaf waan hundaa murteessa!

Alagaan nu gorsan afaan keessan dhiisaa,
Kan keenyaan haa haasofnu isatu isin guddisa,
Oromummaa miti aadaa gabrummaa faarsaa,
Gurraacha diimaa fi adii faajjii keessan kaasaa,
Magariisu fi keelloo diimaa nuu afarsaa,
Oromoon of jijjiraa habashummaatu dursaa,
Akka jedhamtanitti bulaa gaaf'ii mirgaa dhiisaa,
Seenaa xinxala malee kan sinitti himnu odeessaa,
Lammii qalbeeffattee maal jennu deebiisaa?
Qomoon itti yaadaa anis kan koon ibsa!

Haa haasofnu jettani mee afachu naaf obsaa,
Qabsoon qoosaf miti mariin kan lammiitu dursa.

Lammiin na hofkolshaa “balleesu damman kenna”,
Gaaf'ii heddun qaba mariif yaadan funaana,
Otoo lammiin jiruu maaf dhaquu marii diinaa?
Qomoo gurguuruuf malee kan hadhessu seenaa,
Otoo laga qabnuu maaf jallisaa hawwinaa?
Saba dhebeesuuf malee dhugaa mirgisaa qabna,
Otoo Afaan qabnuu maaf dubbachuu dadhabnaa?
Waan jennu dhabne miti afaan alagaan yaadna,
Otoo mi'aan qabnuu maaf xaanneen gubannaa?
Diinatu nu onsa kanaaf waan nyaanu dhabna,
Otoo Aadaa qabnuu maaf kan garbuumaa baannaa?
Namni seenaa dagaate qomoo gurguureetu boona,
Otoo dhugaa qabnuu maaf bilisa adabamnaa?
Dhugaan kafana malee kan bilisa fidu humna,
Otoo seenaan gorsamnuu boruufis gowwoomsamnaa?
Nu gayee gowwoomsamuun dhugaaf bilisa feena,
Jedheetu iyya sabni Oromoo lubbu wareega kenna,
Haa birmannuf lammiin tokkummatu humna!

Maaf gargar faccaanaa? Lammiin wal himachaa,
Bara baraan ad'na akka hummoo gurraachaa,
Oromoon yoom fayyinaa? Dhukkuba xannachaa,
Seenaa qaani qabu hadhaawaa akka eebiichaa,
Safuu! Otoo lammiin jiruu baaqqee miti dachaa,
Diina wajjin oolun eenyuufu hin ta'u qoricha,
Rorroo nama gubsiisa akka ilma haadha tokkichaa?
Xinnaan guddaan haa yaadnu adaraa boorantichaa,
Gadda saba Oromoof kan ta'e qoricha,
Gadaa sirna Booraanaaf qomoon walii gumaachaa!


Lammiin gadaa gattan isini hin sirbu diinni,
Hawwii angoof “bishaan gingiishaan hin worabani”
Gorsa seenaaf “warri yaalanuu dhebuun dhumani”,
Ibsa dhugaaf “dhebuun bilisaa seera mirga-uumaa”,
Bilisa uumaaf “qabsoon hadhaawus isan gonfama!”

Oromooni “mee itti yaadaa warri hawwiitan”
Gammachuu har'af “warri of jijjiirtan”,
Kafana seenaaf “warri orma abdattan”
Daandii Bilisummaaf “warri lammii tuffattan”
Bilisaa ala “bu'aa hin qabu waan abdattan”.

Lammii “feetu kan beelaa kadhanee quufna”,
Muuxaannoon “bishaan dhebonne supheen worabna“,
Xinxaala “kan darbe yoo hubanne isa boruuf yaadna”
Nagaroo hin qabu “bilisa hawwuun gargaarsa faana”,
Abdiin akka qaba “gargaarsa oromaa abjuu abjoonna”,
Gaaf'ii seenaaf “eenyuu nuu guutaa dirqama akkanaa?”,
Nu hin baasu “lammiin ofi daganne orma himanna”
Missensi GBO “hawwii angoof miti bilisummaf duuna”,
Walabummaa “galma seenaa qabu oromummaan yaadna”,
Qabsoon “ijji uumaaf daboomti harkaan dhuunfanna”
Tokkummaan “harka oromaa miti kan lammii abdanna”!

Haa haasofnu alagaan wayee dhugaafi gorsaa,
Seensaafi bu'uura hin jennu gababaadha waansaa,
Mariif dhimma walii hin qabnu yeroo nuu gabaabsaa,
Wayee tokkummaa miti dhiimmi qabnu bilisa,
Seenaaf ija baanadhaa kun caaqa miti qoosaa,
Egeree waliin hin qabnu xaxaa ijaartanis caasaa,
Aariin kan nu waadu qomoo cirtan kaleesa,
Boru isini hin hafu yeroon gumaa baasaa,
Dhugaa hin qabdani seera uumarra tumsaa,
Har'as nu gorsituu? Aafaan habashaaf tumsa,
Rakkoo guddina saba Oromoo isatu wayyeesaa?
Waaqni eebbaan nu uumee nutti hawwiitu abaarsa,
Seenaa sobaa nu dhiisaa nu gayeera xiiraansaa,
Afaan nu hidhuuf malee ormatu nu guddisaa?
Abbaatu of guddisa yoo qusate kansaa.

Sila hin dhageessani kan nageenyaa dhaamsa,
Kan keenya nutuu beekna ofumaaf of gorsaa,
Sirna gabruumma jibbine jarana nu dhiisaa,
Oromoon of hin jijjiiru yoo ijaartanis caasaa,
Waaliin haa bullu jettu yoo rakkatanis obsaa,
Wal-qixxummaa faarsitu abjuu hin dhugoomnetu isaa,
Sila mirga hin qabnu maaltu wal nu qixxeessa?
Kaleessa afaan keessan har'a kan koon odeessa,
Gi'iiziin naaf hin misoomsu quubee nan barreessa,
Dhereessee gabaabsen hiika jechootaan ibsa,
Bu'uuraa fi cunfaa dhaamsa himootan tareessa,
Laafaa fi Jaabaatan hawwii dhugaan finiinsaa,
Yoo isini galeef seenaa olluummaaf bayeessaa,
Wal-qixxummaa miti hawwiin Oromoo bilisa,
Bilisa mirga uumaa isatu waan hundaa dursaa,
Gorsa ormaa miti qabsoo hadhaawaatu dhugoomsa,
Nagaan galaa ollaan yoo qabaattan bekkuumsa.
Bilisummaa saba Oromoof Oromiyaa gadhiisaa!

Gootoota Oromiyaaf!

:: Dhugaasaa D. Goobanaa ::  
bar