Jarri ka'ee Nuti kufuun Inni boodaa hammeessee itti fufuun Kunis Sunis Akka busaawaa nu adamsuun Jirreenya hiree ofii Ajjeefama hiree teenya Kennaa Rabbii gochuun Carraa keenya ta'emoo? Dhallee akkaan guddifachuu Horree akkaan galfachuu Finnee homaa dhabuun Iyyannee daddhabuun Calleessinee namaa safaruun Xiqqaa guddaa saanii gabbaruun Kunis hireedha-moo Carraa keenya ta'e-moo? Mee lakkii Ee lakkii "Waaqni gurraachi garaa gurraachaa Tokkichi maqaa dhibbaa" Hundaa qixxee uumee Birmadummaan shuumee! Cufti qullaa Garaa haadhatii baye Hundi iyyaa Dachee tana gaye Marti talabuu ture Culkii garaan qulqulluu Ilaa booda barekaa Gidiraa fi dhaanicha Jallinaa fi saamicha! Waaqaa magan Namaa safuu Gabrummaan kan garii Bilisummaan kan kaanii Maa maa maa Maaf ta'aa? Dukkanarraa dukkanatti dabruun Cittoorratti fanxoon dabalamuun Afaan majaatii ba'anii Afaan yeeyyii bu'uun Otoo daban goone Tasa du'uun Kunis milkii-dhamoo Carraa keenya ta'emoo? Isaan mataa keen! yarra taa'uun Qoraasanii oliif gad nu ha'uun Waawuu carraa keenyaa mitii Lakkii waan uumamnefii mitii Isaan nu bituuf hin dhalannee Nutis isaanii bitamuuf hin qalkamnee Nus, ee nus Isaa-nis Waaqatoo uumee Birmadummaan shuumee! Isaan namummaa keenya wallaalanii Kunoo akka ganyaa nu takaalanii! Nu: ee nu Oromoo Hadiyyaa fi Sidaamoo Kafichoo fi Kambaataa Gambeelaa fi Walaayitaa Kitila hoomaa kibbaa Maaf jarri nu jibbaa? Daangaa saanin dabarree Handhuuraa saanin harree Gaarran saanin qaarinee Biyyaa isaan hin hariinee Biyya saanittin duullee Leeccalloo saanin guurree! Gandeen saanittin dhufnee Manneen saanin gubnee Laggeen saanin seennee Qoraan saanin cabsannee Ulfa saanin cabsinee Aadaa saanin madeessine-woo Mirga saanin barbadeessine-woo Maaf qe'um keenyatti Maaf biyyum keenyatti Akka baalaa harcaanaa Waan namaan malle taanaa? Buna keenya gabbarraa Warqii keenya safarraa Qabeenyi keenya dhaqee Biyya saanii ijaraa Beekumsi keenya! dhaqee Manneen saanii jifaaraa Keenya keenya hammaarrattuu Kan ofiitin ijaarratuu Keenya diiganiitoo Teenya miidhaniitoo Kan ofii hundeeffattuu Barabaraan milkeeffatuu! Qobaa ofii daddhabnaan Jalkaattuu gaarii dhabnaan Daboo gamaa waammatuu Caalla caallaan dhaadatuu! Caakkaa keenya guggubaa Hoomaa keenya ukukkubaa Aannanum keenya dhugaa Gadadoo nutti dhuubaa! Cooma dilbii murachaa Daadhii booka unachaa Galma keenyatti olgalee Dargaggoo teenya qalee! Namaaf safuu hin qabuu Margaaf safuu hin qabuu Bosona ciree nyaataa Gatteettiin-saa waan dhabuu Kilaashinkoo-dha baataa Shimbirruu yoo barartee Qubni qaataatti kaataa! Sammuun waan biraa dhiisee Waanuma qawwee yaadaa Uggum yaa qawwee qawwee Kan nutti taate jawwee! Duris qawwee ibiddaa Har'is qawwee ibiddaa Isatoo nama iddaa Jarri qawween as galee Magartuu teenya qalee! Ofiisaa Waaqa godhee Nuuf du'a carraa godhee Ejersa keenya muraa Coqorsa keenya ciraa Corqituu teenya diraa Isaawoo jarris firaa! Biyya gadaa dhiitaa Saba gadaa dhiibaa Galma jigsee onsaa Lafa jiidhe gogsaa Siiqqee-dha hurreessaa Caaccuu-dha xureessaa! Maasii garbuu gawweessaa Baddaa-dhaa biyya keessaa Caakkaa bunaas dhuunfatee Aadaan sabaas huqqatee Odaa keenya falaxaa Kan itti nyaate cabsaa Dhugaa goobane dabsaa Yoom beekaree galataa? Egaa hamma yoomitti Egaa hanga hammamiitti Kan dhiddhiit! amaa bullu Kan sossodaachaa gallu Akka gogorrii kan adamfamnu Akka foonii kan waadamnu? Hayyee dhagayi saba-koo Hayyee oljedhi lammii-koo Iyyi biyya biyya Iyyi dachee tiyya Iyyii iyya dabarsi Yeeyyii si nyaattu marsi! Ka'i kanniisa kiyya Goondaa tuuta biyyaa Biyyatoo gubatee Harmee soqolamee Abbilee dhaanamee Coqorsa ciramee Shamarree diramee Olka'i uummata-koo Wal-qabaddhuu deemi Oljedhi saba-koo Waliin tarkaanfaddhu Irree-kee cimsaddhu Wal-cinaa dhaabaddhu Xiqqaa guddaa-kee waammaddhu Iyyiitii labsaddhu Tokkolleen maminii Irraantaa abdaddhu! Irraantaa abdaddhu Falastiin gaafaddhu Warra dhagaan loluu Gabroomfataafoon toluu Sirriitti iyyaafaddhu Waan biraallee dhabdu Waan guddaa daddhabdu Qalbiin bira dhaabaddhu! Dhagayi biyya-koo Dhagayi uummata-koo Tokkummaa-kee jabeessii Gabrummaa barbadeessi! Olka'ii harka walqabii deemi Beenu-kaa deemi deemi Galma bilisummaa seeni! Barlin -o8. o4. o2 |