Dhaadannoo fi Qeeqqannoo Loltuu Oromiyaa

 

Dhugaasaa D. Goobanaa irra
bar

 

"Kan abdatantu nama ganaa",

"Kan jibbantu nama dhaalaa",

"Kan hawwantu abjuu ta’aa",

Kan jedhe Oromoon maaliifi laataa?

Qubee tarreessimee,

Qeeqqannoo fi dhaamsa dirree waraanaa,

Dhaadannoo fi gorsa goota daggalaa!

 

A       Ancooteen jira yoo lafeen cabee,

Andoodee kormaan nafa dhiqannee,

Abbayyiin dansaa dhiiga nuu haqee,

Aannaan adaamii madaa nuu qoorsee,

B       Bisingaa fi caxee yoo marqaa feenee,

Baksaan seetanii bishaaniin nyaannee,

C       Coccoo: Cooma fi cumboo yoom sin kadhannee,

Ch     Chee! Uggum fardeeniin miti  lafoo arrednee,

D       Dinnicha arfasaa nuu qootaa hin jennee,

Dh     Dhangaa gootaa akkaayyii nyaannee,

         Dheebuu bonaaf booka yoom haawwinee,

E       Elbaan qoonqoodhaaf corroqa dhugnee,

F       Foon yoom dharraanee nuu qalaa jennee,

G       Gargaarsa dhabne!

H       Hayyuu, gargaarsa hamilee!

 

I       Irbaanni  keenya goraa fi hagamsaa,

Irtoo, cuquliisa wajjin harbuu hirmannaa,

J       Joobira ni beekna awwaaltuu dhiiraa,

K       Kurmaanaan nyaacchun dheebuu guddisaa,

L       Lammii, hamilee  dheeboonne nu gaddisisa!

 

M       Meeshaa waraanaa eeboo filannee,

N       Nuuf taatu jeenne jinfuu hamilee,

Ny     Nyaataa-dhugatiif yoom sin kadhanne

O       Oomichoon guute irree yoom dhabnee,

Oromoo, jabaddhaa jechuun waan guddaa taatee?

 

P       Pto! Oromoo kan du’eef mee  hirmii tufaa,

Ph     Phiri nu nyaattuuf haanquu itti dhugnaa,

Q       Qunceen waddeessaa nuu guutee jiraa,

Qoraattiin hammaatee kophee yoom jennaa,

Qunceen daannisaa xibxaabii keenyaa,

Qooqa mari’maanii maaltu nu argaa,

Qoriccha qorraa nutuu ni beeknaa,

R       Raafuun guutee qakkee yoom himannaa,

S       Soogiddeen dhignuuf aaddee bilisummaa,

Sh     Shuummoo baaqelaa yoom dhabnee galaa,

T       Tokkummaa Oromoo hamileef hawwinnaa!

Dhaadannoo fi Dhaamsa dirree waraanaa!

 

U       Uummata Oromooti lafeen dugdaa,

W      Walaabummaa keef lubbuun wareegamnaa,

X       Xinnaa fi guddaarraa tumsa haawwiinaa,

         Xanneen nu hin dhooftu baala nyaannaa,

Y       Yuubdoon dagagee kafanni dhiiraa,

         Ya jamaa hamilee garuu sin irraa eegnaa,

         Yaadannoo loltuu harmee Oromiyaa!

 

Abdii qabna jenne kan boruuf hegeree,

Oromummaadhaan kan utubamee,

Luba biyya busshu seera tilmaamee,

Hayyuu nu gorsu mala nuu himee,

Qondaala hangafa loltuu gasharee,

Daggala seenne raroo xaxannee,

Yoom kadhanna seene lammii hamilee!

 

Kan abdattantu nama ganaa,

Kan jibbantu nama dhaalaa,

Oromoo dubbiin akkanaa?

Hamilee dhabne sin irraa?

 

Xinnoo hin qabu eebbi Waataa,

Hamileen gootaa kaayyoo ganamaa,

Nyaataa-dhugaatiif bosonni jiraa,

Kan keenya luugamamee afaan nuu ta’aa,

Seenaa dhiignuuf addunyaatti nuu himaa!

Dhaadannoo fi dhaamsa loltuu Oromiyaa!

 

Oromoo,

Nuuf kan roobe dhiiga lolaasee,

Sin hin hanqattuu imphuu taatullee,

Feetu karfaffuun yoo kaabbattan malee.

 

Warri sirbitan cidha halagaa,

Jalbultii keessan eenyu sinii dhaqaa?

Maaf irraanfattu seenaa kaleessaa?

Cidha gaa’elaa lammii bareechaa,

Kan kaadhimanne aaddee bilisummaa,

Walmalee hin dhuftu qomoo dhageessaa?

Tokkummaan loluun hamilee jabeessaa!

Qeeqannoo fi gorsa loltuu Oromiyaa!

bar