Wareeren dammaqqe abjuu sirna Cunqursaa, Yoon gaafadhu ayyaantuu waan ta'e hiikaasaa, Dabarsi naan jette walalootiin dhaamsa, Harmee Oromiyaarra gama lammii-hawaasaa, Dhaamsi walaloon ibsan yeelala bayyeensaa, Bu'uraafi cuunfaan himoota makmaaksaa, Kuusaa aadaa Oromoo Galaa Daandii-Bilisaa, Yoo yaadatan seenaaf abdii egeree cimsaa, Haa caqasnu lammiin guca dukkaanaaf ibsaa! Bu'ura hima dhaamsaa maaltu ta'a seensa, Jirreenya dhala namaaf kan ta'e gaaddisa, Eenyummaa hinqoodu uummatafi hawaasa, Aadaaf Nagaa dhaamuu isatu hunda dursaa, Nooruu manguddoonni jaarti hinjedhu jaarsa, Ashamaa dargaggoon humna boruuf kuusaa, Kan horre gabbatee harkuun nu mirgisaa? Kan facaafne margee boruuf nu lalisaa? Kan cirame latee bosonni goota dhoksaa? Kan egeree ibsu abdii uummatafi hawaasaa, Diroon yoo itti fufe gaafa balaaf daansa, Kaanaf jedha qomoon yoo himu makmaaksa, "Abbaan kan calqabe ilmi fiixaan baasa" Ijoolleen buraqxii ollaan waali tumsaa? Sammuun kan yaadamu afaan mirkannessa, Kan yaadame guutee jaarsi mee eebbisaa, Hawwii kan dhugoomsu abjuu hiriba keessaa, "Ijji yoo soddaatu harkatoo kurfeessa", Jecha Oromoo keessaa "haa buluun" bayyeessa, Maaliif jedhu laata "yerootu murteessa", Nagaan yoo finiinee hamilee jabessa, Haa qorannu Nagaaf feetu qaba dhaamsa! "Seenaa nama gubu qomoon walitti obsa", Haa yaadanu Nagaaf "Kuusaa-Aadaa-Gorsa"! Seenaa dhaamsa nagaa yeroo kan ilaaltu, Hiphoo tapha ijoollee caaqa kan fakkaattu, Bu'ura dhaamsa seena makmaaksan ibsatu, Fakkeenyaaf maal jedhaa? kan rakkoo himatu, "Dhaamsa obsaa dursee boruuf waan abdatu" "Waaqni cittoo kennee qeensa hinwaakkatu" Dhaamsa diroof seenaa kan galma akeektu, "Edoo nama nyaatu amma-amma hooqqatu", "Kan obsii hindaandenyee tokkummaan aggatu", Seenaa kayyoof safuu gootota kan nyaattu, Naaga faakkesitee waan Kayyoo yoo dhamtu, Akkas jettem Harmeen Lammiin qalbeffattuu? Nagaa wal gaafatu manguddoo lamatu, Akkam jirta jennaan kan Boruu abdaatu, Diroo uummata Oromoo nagaa maal gaafatuu? Nagaa bilisa hinqabne sagal of mil'atu, "Ciraniif hinbaduu kan hidda dheeratu", Seenaaf jira jedhe kan lammii abdaatu! Seenaan fiiga dhufee otoo dhabbatanii, Kotteensa dirmammuu allaangan reebanii, Allaangaa hidda Oromoon kan Robbiin seetanii, Dug'di dhiiga yaasa qacceen garafanii, Qincabiin ribuu Oromoo kan Dobbi seetanii, Ijji diimaa harbuu aara itti ulaanii, Aara qajjisa Oromoo koboota seetanii, Illen hidda yaasee diiminaan gubanii, Haamtuu Oromoon tumeen harka ciiree diinni, Duuba of mil'achaa otoo isa hordofanii, Afuurri otoo ciitun lammii akkam oltanii? Essati nu baasa daandiin dheeran kunii? Kan darbe seenaafi kan boruu beektanii? "Galma egeereef nooruu yeroof dhabattanii"? Jedhee isan gaafanaan deebii yoo kennani. Nibaruu yaa lammii yeeroof nu figisanii? Galma hinqabdan jedhu yoo nu gaggessani, Dhugaa dhabneef miti kan akkas jedhani, Yeroof jedhe miti kan nu uumee Waaqni, Dirqama kan Seenaa boruuf hinbushini, Kan jiruuf jireenyaa galma hinwallaalinii, "Nagaaf dhaabbanneetu waleebbisnee uni"! Nagaa qomoof Wabii kan kolaasu diina, Seenaa! Akeekkadhu tarkaanfiifi ejjeennaa, Qomootu gumaachaa galaa daandii-Seenaa! Daandii Bilisummaaf kurfessadhu humna, Tokkummaan dhaabadhu kabaja siif kenna! Waan yeroo dhageessaa Hima-Gorsa Jaarsaa, Yeroof hinfiigamuu "Har'ii-Boru-Kaleessaa", Otoo dafqa hinyaasiin teessee bira geessaa, Mirgi seera uumaa kan hinqoodne hawaasa, Kotteen yoo dhitamu uummata onne dhiigsa, Kan yeroon hinadhabne wabiin nagaa bilisaa, Garu, Galma Bilisummaaf abbaatu ofi tumsa, "Kadhaan hindhufamuu qabsoodha hiiknisaa", Erga bara dheera kanaaf diroo xaarsa, Dabareen sis gaayee yeerodhaaf si figsaa, Qomoo qomoo ganu kan dhiigsu uummatasaa, Eegadhuu ejjedhu "qoree dhoqqee keessaa", Tarkanfii cimsadhuu yoos galmaakee geessa, Yoo abdate garuu yerootu naaf murteessa, Yeroon darbuu hinoolu waan ta'eef uumaasaa, Booda gaabbitti haftaa! "Otoon waa deebisaa"? Borus hawwiin haftaa! "Otoon maal deebisaa"? Seenaaf gaddaa haftaa! "Boonyii du'aa kaasaa"? Uggum bu'ura dhaamsa kan ibsu waan hedduu, Hundeen seera uumaa yoo dhugaarra maddu, Akka ifaaf dukkanaa kan guyyaaf halkan fidu, Marsaan waan nannaawuuf dabareen hineegdu, Akka gannaafi Bonaa kan duumeessaafi aduu, "Garii safaa gubuu kaan qorraa hadooduu", "Fixan! Kichuu Oromoo seenaa nama waadu", Oromiyaan gaddittee bosee yoo gadooduu, Dhaamsa seenaa dhaamti Lammii qalbeffadhu! Kayyoo kan finninsuu tokkummaaf kan yaadu, Diina yoo ta'e malee lammiin lammii hinqoodu, Gababaafi dheerinaan maaf hojjan walqooddu, "Gabaabaan yoo male kaan du'aaf hingaddu" Kun kibba sun kaabaan kutaan maaf walgaddu, Kun lixa kaan baha gaandaan maaf walibduu, "Booran-Barentumman Burqan keessan hunduu" Yaada-Ammante Ormaaf qomoon maaf walabdu, Kan uumaa yoo hordofuu "humoon sanyiif aadu", "Dhalaafi dhiiraa hinjedhu walmale hinbareedu" Xinnaaf guddaa jeettu? Baayiinaaf maaf aaddu, Hundii yoo cimtan malee diinni sini hingaddu, Abbaan of dagannaan Ormii nama hinyaaduu, Oromoo! Itti yaadaa waan eegeref hoodu, Kan gaddaa nuffinee waan gamachuu fidu! Hawwiin gaafa guute kan himan gammachuu, Waan hundaa dursaani jecha "misrachu", „Misira nyaadhuu" lammii kolfanii simachuu, Hawwii deebii aadaa qomoon kan gumaachu, Seenaa abbaa fi haadhaa kan kalaachaaf caaccuu, Bilisa mirga uumaa kan uummataf gammachuu, Yoom himanna laata jennee misrachuu? "Ija dunufadhaa mee gurra naaf kennaa", Eenyu jedhee miti kan bareechu himannaa, Kan tokkoo yoo gaddan kan kaani in kolfina, Kan kolfan gamachuuf gaddi badii seenaa, Hawwii fi gaafii uummata deebiisaa maal jennaa? Dhaamsi qoosaaf miti dhageessuu jarana, Mee abjuun yeelala "abjuu seeri dhoowwaa"? "Feetu in dhugooma abjuu nan dhowwiinaa"! Lammiin na ofkolshaa yeelala hawwii dura, Harmee Oromiyaaf mee xiqqoon geeraraa, An ajjeesaa miti kan qabu "Mirgafi faara", Nama Mirga dhabe kan ta'e uumaaf seera, Qondaala yeelalu waan hawwun geeraraa, Hawwii heddun qaba kan na raasu garaa, Maal jedhee calqabu mee na gorsa hadaraa, "Yoo dalaagan malee hawwiin waa jijjiiraa?", Akkas jedheen yaala "lammiin na gargaaraa" Qoba hinmidhagani "lammiin nu gargaaraa" Boru gabbitti hafna "lammiin waal gargaaraa"! Harmee Oromiyaa eenyu wallaale hadaraa, Jaarraan lakkawwama umuuriinshe dheeraa, Seenaa mee qoradhaa qabdi "Heeraa fi seera", Walqixxee kan muudan nama rasu garaa, "Sirna abba Gadaa kan maddu dhugarraa", Diinni humnaan diigee yoo misoomsu dhara, Sirna cunqursaa ijaaree labsee seera biraa, Hinjirtu nuun jedha kan nu waadu garaa! Nafxanyaa hubadhu waan dagaatte seera, Kan jiru akka hinjirre "Dorraan" yoom jijjiiraa?, Jireenyi Oromiyaa seera uumaaf darara! Harmee Oromiyaa haadha goota maraa, Dandeessu waan heeddu hindhiphattu garaa, Bona ongee hinjeettu ganna natti qorra, Arfaasaa laliistee kan daraartu birraa, Jecha maaliin ibsu kan nu nyaatu garaa, Seenaa kan darbeemoo kuusaa isa har'aa, Gorsa eegereef ta'u galaa daandii dheeraa, Haati salgan deesse maal nu dhaamti hadaraa? Akkas jettee laata yeroo biiftuun dhiite, Er'gan manaa bayee bara dhibba guute, Yaa dheerina daandii afuura na kutee, Garaan na hammaate hadhooftuun na huute, Bona kan aduusaa ganna laaqii dhiitee, Har'a boruun jedha galmiikoo fagaatee? Diinni safuu hinbeekne keettosaa raratee, Yaa'ii keenya oolee fira nuuf fakkaatee, Lammii gargar diigee kan waliin dhalte, Dhiiga xobbee robsee kichuu meeqa nyaate! Diinni seenaaf diinaa lammii gurra haa gawuu, Otoo isaaf guutee Boruuf waan nuu hawwu, Kan garaan hinaarre addaaggee daboorte, Kan boruu hinbeekne isa har'aa ilaaltee, Qomoo qomoo gantu diinaatti irkaattee, Kan hadhoo ajjeestu seenaa irraanfaattee, Fakkii foon rajiijii xannaacha dhiitofte, Seenaan kan rajiijii waadan in dheeratti, Dhiitoon kan xannaachaa kooban in ajoofti, Lammiin waligalee kayyoo akeekatee, Waadan kan dheeraattu rajiijii gorsatee, Kooban kan ajooftu quuqqa malaafatee, Walirraatti yoo du'e bilisa dhaaddatee, "Uumaaf gabaabbatti ribuun ibidda buute"! Eebba daandii dheeraaf kanaaf filatamtee, Eebba ayyantuuf jedhu hawwiin gafaa guute, Hawwii kan dhugoomsu seerasaa eeggatee, "Daandii Bilisummaaf lammiin waligalte"! Himni kan makmaaksaa fakkenyaan waa ibsaa, Nadhii dammaa jedhu yoo hawwan waan dansaa, Nadhii damma sonsaa yookaan kan kanniisaa, Kan tuufoo jennu moo feetuu kan baaddeessaa? Kan daraaraa keelloo uggum yaa bookasaa, Siida Oromummaaf kan galmaaf irreessaa, Dhangaa kan ga'elaa isatu hunda dursaa! Dhangaan daandii seenaa galaan kan bilisaa, Kuusaa-Aadaa Oromoo Himoota-Makmaaksaa, Lammiin qalbeeffadhaa kan dhaamsaafi gorsaa, Haa addaattu qarshiin akka qaanqee qorsaa, Silaas boruu hinqabduu akkuuma fiixeensaa, Haa hammattu lammiin akka qoree hagaamsaa, Silaas Orma miti qomootu qomoo dhiigsaa, Kan lammiisaa dhiigsu hayyuun mee nuu gorsaa! Haa weeddisnu lammiin seenaa kan dhaaddattu, Haa addaattu qarshiin harkumaan hiixaatuu, Haa hammattu lammiin walumaan midhaguu! Nadhiitu dhibee miti seenaatu nu dheebbeessaa, Booka yoom naqanaa diinaatoo nu onsaa, Nadhii hawwii egeree yoo nyaatan jiisaasaa, Bookaaf hawwiin haafu yaa qomoo dhageessa, Gagaan galaa hin ta'u kan ta'u daandiif ibsaa, Lammiin yoo walqeequ gita diinaa cimsaa, Seenaaf gagaan nyaannu kana mirkanneessa! Jiisaa kiichuu miti kan dhuugan bookasaa, Yoo bisheessan malee yoo baasan nadhiisaa, Kuusaa nadhii uummataa daraartu aadaa leensaa, Kan jiruu fi jireenyaa beekumsa hawaasaa, Tokkummaan guddisu afaantu miidhagsa, Waamicha kan Seenaa "lammiin walii tumsaa"! Hawwii uummata Oromoof fedhii kan bilisaa, Gootota Oromoo iddiituu akka sonsaa, Tokkummaan girrisu tuta akka Kannissaa, Daraara coraanii kan keelloofi baddeessaa, Tiksaanii hamaqeeta ciisaanii holqa keessa, Booka Bilisummaaf isantu dammeessaa, Eekeeraan nuu dhaamu yaa lammii dhageessaa?, Qorri nutti hammatee yoo ciifnu holqa keessa, Gaagura nuu hidhaa nadhiin yoos mirgiisaa! Nadhii aadaa Oromoof hayyuun mee nu gorsaa, Akkam goonee hiinu gaagura baldhaasaa, Gaagura Tokkummaa kan uummataafi hawaasa, Waadaafi kakuun malee kan tiksu galmasaa, Waadaafi kakuu galuun beektu waan fookisa, Halkan nama hincibsuu guyyaa yaa yaaddoosaa, Haatau yuu malee yaa qomoo dhageessaa, "Abjuu soodaataaniif eenyuu hiriba dhiisaa"?, Seenaan nu gaafataa yoo tuffaanne dhaamsa, "Feedhiin kan hawaasaa kan namtokkoo dursaa", Filanoo hinqabdanii lammiin waaliif tumsaa, Harka wal qabadhaa akka hundee coqorsaa, Kan du'e awwaalaa isa kufe kaasaa, Diinni haa waareertu lammiin walii obsaa, Kan darbe seenaafi isa egeree cimsaa! Harka ogeessaa jedhu waan gaari yoo kurfeesse, Harka jiidhaa jedhu kuusee yoo misoomse, Harka qaldhaa jedhu Waaqni yoo hiiyyomse, Harka deema jedhu hannaan yoo raakkise, Harka gumaa jedhu lammii yoo ajjeese, Uggum hiree harkaa maaf itti bayyiisee? Qubasaa mee ilalaa hunduu qabu qeensa, Garuu waltufaatu maaltu isaan rakkiisaa?, Hundee tokko qabu maaliif dhabu obsa?, Fakkeenyaaf haa laluu feetu waa nu gorsa! Ijoo yoo himatan abgudduu addan basaa, Warra ijoon boonan hojjaatu rakkiissaa, Kun wallallummaa moo dhuuguma beekumsaa?, Hubaachuu dadhaabuun seera uumaa hiikasaa, Waan rakkoo hintaane isaan dhowwe obsa! Barrun haati hundaa yoo isan gorsituu, Na dhaggeessuu? Jettee gaafii yoo dursituu, Yaa beekumsa keessan hunduu waltuufatuu, Tokko dheerinasaaf kaan ijoo himattuu, Lammii hubaadhaa jettee waan kana agartuu, Bilisa haa jennu dhugaa argachuu feetuu, Wiirtu barruu gubbaa qubatee kan jirtu, Qoba-qobaan yaalaa kan caalu argiituu! Muxaanoon waan dansa feetu ittiin gorsamtu! Abgudduunis yaalee ijoon isa hanqatee, Warra ijoon boonan humni isan hanqatee, Bilisa dhunfachuun kaanaaf abjuu taate! Warri ijoo qabdan tokkummaan dachassaa, Wirtuu barruu keessan mee tuqsisaa qeensa, Kun rakkina hinta'u uumaadha hundeensaa, Dheerina gababsee ijoon waal-qixeessaa, Hundii wal-amdhaa qawwa jirtu dhiphisaa, Qileensi akka hingalle afura dhukaamsaa, Barrun hadhaa Konyee ayeetuu wageesa, Abgudduun guddunfi jabeessi hudhasaa, "Tokkummaa keessantu humna sin jabessaa", "Hawwii qofaan miti hojiin mirkannessa", "Kan darbe seenaafi isa egeree cimsaa"! "Akka Ayeetuu fi Booka yoos dhuntu bilisa"! Seera uumaaf safuu kan deemu daandiisaa, Kan hinfiilataamne waan ta'ef hundeensaa, Dhugaan ta'u malee dharan maaltu maqsaa? Sirna dhugaa hinqabne hubaadhaa seenaasaa, Raaga waan hinqabneef akeekni galmasaa, "Akka wiirtuu-garbaa of irratti marsaa", Aadaa yoo takaalu dhuukamsee beekumsa, Mirga-uumaa dhiitee uummata rakkissa, Kan gubee nu waadu aarii sirna cunqursaa, Cittoon kan gabruumaa kan nu dhowwu ciisa, Dhaqna waan nu lixeef heddu nu hooqsiisaa, Buleetu hadhayya eelaa fi qufaansaa, Kaanaf haa caqasnu jecha dhamsaafi gorsaa, Xinxaalaa seenaa darbe isa egeree cimsaa, Lammiin fakkii quba hunda qaba qeensa, Deemsa daandii seenaaf galaa guddan obsa, Hooqxoo kan ciqiilee lammiin walii obsaa! Hawwii uummata Oromoo kan ta'e hundeensa, Qooriichi faayyisu "Tokkummaa Hawaasaa", Kan facaasu dhiiga madaa hooqu dhiisaa, Yoo gumoofne qofa kan baanu bilisa! "Abjuu Harmeen ibsee dhaamsa daandii-bilisaa", "Gaaftokko dhugooma yoo tole hiikniisaa", Tareesamee hindhumu rakkoon sirna cunqursaa, Maaliin cufu laata yeelala kan dhaamsaa? Dhaaddanoo Goota Oromoo iftuu akka qorsaa, Qomoo qalbeeffadhaa dhugaa hadhoftu ibsa, "Yeroon hinadaabuu qabsoo-mirga seenasaa", "Kadhaan hindhunfatu uummaani bilisa", "Hawaasni tokkummaan diinasaa kolaasaa", "Lammii! Kan darbe seenaafi isa egeree cimsaa"! "Tokkummaan dhaaddanna qomoo waali tumsaa" "Dhiiga ijoollee Oromoon dhunfana Bilisa"! Kanarraa kan haafef bookaanan sin kiisaa, Galatoomaa lammiin kan hubattan dhaamsa! Tokkummaan Humna!! Gootota Oromiyaaf! |