Gumii Bilisummaa Oromiyaa
bar

Coqqorsa qabadhaa siida Tokkummaa ibsu,
Saba tokkummaan jabaate diina kan kolaasu,
Sardoo itti ida'aa siida egereef lalisu,
Abdii kan egereen rakkoo har'aa obsu,
Tuufoo miti Keelloo kan hawwii finiinsu,
Hawwii hundeen dhugaa seeri-dharaa hindhoksu,
Annanoo maradhaa siida hawaasa gumeessu,
Hawaasa gumayee kan aadaa gabbisu,
Odaatti irreeffadhaa kan dameen gaaddisu,
Lammiin waliif gaddisa rorroo ittin mancaasuu,
Deema Hora cuphaadhaa caamsaan isa hingogsu,
Camsaa Sirna-Cunqursaa dhiiga kan lolaasu,
Fedhii ummata guddaa seera-dharan hincabsu,
Bilisa Seera-Uumaa humnan hinballessu,
Aadaan Sirna-Alagaa kan uumaa hinguusu,
Aadaan Saba-Oromoo borus waan lalisu!
Hidda dheeraa qaba bubbeen isa hinjigsu
Qola furdaa qaba qorri hincolagsu,
Qorri Sirna-Garbummaa kan nama kottessu,
Hayyuun kan hidhaaman aadaa uumaan obsu,
Lammiin kiichuu dhabaan ittin wal-jabessu,
Irreessa aaga hundaaf ittin wal-eebbisu!

Nooleen nuu dalagaa Talacoon shubbiisaa,
“Hii-Yaa-Lola-Eeboo”! Dargaggoon dhiichiissaa,
Kallacha qabaadhaa hayyuun nu eebbiisaa,
Ganni dhukanawuus roobeetu magarsaa,
Ijoollee-Daadhima Jaartii hinjennu Jaarsa,
Qomoon wal-ammadhaa akka Hundee-Coqqorsaa,
Seenaa waan dhaaddatu Tokkummaan weeddisaa!

Birraa yaa birrollee ifitte akka qorsaa,
Keelloon nu daraarte kanniisatu girriisaa,
“Gootota Oromoo” iddituu akka soonsaa,
Tokkummaan dhaaddatu yaa Qomoo dhageessa,
Wal-qixxuumaa hinbeeku Sirni Aadaa-Cunqursaa,
Mirga Uumaa-Nama hineegu seerisaa,
Dhugaa yoo dhukaamsu raaratee Keettosaa,
Kan ofii yakkeetti ummata rakkiissa,
Kan egeree hinqabne hiyyummaa misoomsaa,
Safuu hineeggatu cubbuu fi abaarsaa,
Taliigni-Nafxanyaa hayyuu Oromoo ajjeesa,
Dhugaan kan hinbadne Mirgi-uumaa Bilisa,
Nam-tokko yoo du'eef kumaatama kaasaa,
Ummanni gumaayee diina ofirraa ittisaa,
Kan eenyuumma hinqoodne gamachuu nu ibsaa,
Daandii Bilisummaaf Qomoon walii tumsaa!”




Hayyuu Oromoo hiidhani fallessanis dhugaa,
Aadaan eenyummaa ibsu Seera-Uumaaf daggaaga,
Bilisa-Oromiyaan Kichuun dhalatee raagaa,
Saba bilisa dhabeef lubbuu Waaqa eegaa,
Keelloo Ayyaana-Waggaa ayyaantuutu argaa!
Bagaa geessan Qomoon Irreessa hundaaf aaga!



Gootota Oromiyaa
fi
Waldaa Gargarsaa Maccaa fi Tulamaa!



 
bar