Dhaamsa Oromumma nu dhaamu Eekkeraan

 

Dhugaasaa D. Gobanaa irra

 

 

 

Dhaamsa Oromumma nu dhaamuu Eekkeraan?

Qubee tarressimee hadaraa maal nun jedhan?

 

A

Anniisaa Oromummaaf kan wareegaman,

B

Booyiicha dhaban xobben  dhuman,

C

Cookee? Cookee, diinni dhiiga saanin,

Ch

Chuu jedhamani akka hoolaatti kan qalaman,

D

Dargagoo Oromoo maaliif cal jettan,

Dh

Dhiiga xobbeef yoomii kan gumaa bafattan,

E

Eekkeraan sani kunoo iiyyaan!!!

 

Qubee tarressimee hadaraa maal nun jedhan?

 

 

F

Fira faakkatanni nutti hiiqan,

G

Goosuu daraarte nu goodhaatan,

H

Heera namummaatti kan qoosan,

 

Haayyuu dhabne kan nu goorsan,

 

Hirira nagaa balessadha nun jedhan,

I

Ijoole hegeere, kunoo rasaasaan nu fixan,

J

Jamaa, Booyiicha dhabne maaf cal jettan?

 

Gaffiilee, Eekkeraa xobbe warra dhuman.

 

 

 

Qubee tarressime hadaraa maal himaatan?

 

Dhadhaannoo eekkeraa waan nu dhaaman!

 

 

K

Kaayyoo Oromummaaf mor’ma nu ciiran,

L

Lubattu dhibe kan biyya buushaan,

 

Hayyuuttu dhibe kan nu tilmamman,

M

Moottiin halagaa kaanaf nu dhiigisaan,

N

Nooleettu dhibe kan nu dalaagan,

Ny

Nyatamne kaanaf ilkee diinan,

O

Oromoo, Booyiicha dhabne maaf cal jettan?

 

 

P

Pto! jedha mee Oromoo hirmii nu tufaa,

Ph

Phiri nu nyaatteef qoriicha qotaa,

Q

Qondaala Oromoo maaliif cal jettaa?

 

Qomoo Oromoo hunda  sin eeggataa,

R

Roobaa jira har’ayyuu dhiigni uummataa,

S

Seenaaf kaayyoo keenyaa mee nu himaa,

Sh

Shanee Oromoo, Booyiicha dhabne maaf cal jettaa?

 

 

T

Tokkummaan humna yoo itti beektan,

U

Uummaattiin guddan silaa gooftaa sodaatan,

W

Weennoo obboolaa Oromoo maalumaaf galtan?

X

Xiiqqii addagge tokkummaan ture kan aaggattan,

Y

Yaaddan male Oromoo tokkummaaf maal hoojjettan?

 

 

Lammi,

Dhumne, owwaasha dhabne maaf cal jettan?

Nu fixaan male jarren yoom nu owwaalan,

Reeffa Oromoon  kunoo mana ijjaaratan,

Lafee keenyaani  kan uutubaatan,

Riibuu keenyaan dagalee hiidhaatan,

Dhiiga Oromoon dhooqqee dhiittaatan,

Dabbassaa xobbe ciidii goodhaatan,

Foon keenya laaqaani kan maragaatan,

Gogaa keenyaani kan ajjerrataan,

Oromiyaa diigaani of ijjataatan,

Oromoo, farra nu qabee kan hoddaatan,

Owwaasha lammi dhabne nun jedhu eekkeraan!

 

Oromoo, Dhaamsa eekkeraa yoo qalbefattan,

Walmalee hinqaaban obboolaan lamman,

Kan diina sin hanqatee maaliif walnyattaan?

Diina dhiiga xuuxxu maaliif iiraanffattan?

Gargar faccaneettuu kan nu gaalafataan,

Nuii silaa dhumne maaladha yoo ofiif jettan,

Tokkummaan loola yoo gumaa feetan,

Dhaamsa Oromumma nuuf dhaamu Eekkeraan!

Eekeraan xobbe Oromoo dhuman !!