Seenaa dhaadhesituu ibstuu eenyummaa, Gumeesituu hawwasaa utubduu tokkummaa, Sabboonummaaf hidda wabii Birmaadummaa Riiqaa fi goola-qabsoo seenaa kan abbaa fi ilmaa, Bu'ura fi hundee kaayyoo sabaaf galma, Ilmaan abbaa gadaaf malattoo gootummaa, Boggee qomee ateetee eebbistu seera uumaa, Siiqqee aadaa Oromtittii humna baasiftu gumaa, Bakkalcha fi urjii guca daandii Bilisummaa, Faacha gootota Oromoo kolba mirga uumaa, Safuu kaallachaa fi bokkuun tiksituu seera uumaa, Gurracha, diimaa fi adii faajjii walabuummaa, Yeeroof si dhukkaamsus sirni aadaa gabrummaa, Humnaaf dhokatee hin hafu seenaan Bilisummaa, Dhiiga gootota Oromoon gaftokko muldhiifama! Haallu siida egeree warri faallessan seenaa, Gurrachaan gadda jedhu ilaalanitu danaa, Carraa fi dhugaa yakku abdataniitu humna, Haalluun seenaa Oromoo fakkaate dukkanaa, Gurrachi egeree raaju abdii qomoof kenna, Halkaan barii hin oolu seera uumaa abdana, Gurrachi haallu egeree dhugaatu cabsa humna. Diiman dhigaa heeda fufa diroo cimina, Birraa, bona, arfasaa kan hin jenne ganna, Gammachuus ta'u gadda imiimman himanaa, Iftuu akka bakkashaa fakki qaanqee dukkanaa, Haadhooftus, miidhooftus muldhistu wixina, Jaalaatan, jibbanis carraa guddaa fi xiinnaa, Abdii jiru fi jireenyaa, dhuunfaa irkoo fi ejjennaa, Foon kichuu fi raagaa riibuu kan hiitu danaa, Diimaan haalluu dhigaa waan miidhagu sona, Sona mirga uumaaf tumsaa fi birmanaa, Dhiga gootota Oromoon bilisa dhunfana! Adiin haalluu seenaa waan darbe kaleessa, „Darbee hin darbaataniin lammin ittin obsa“, Beekkumsa fi muxaanoo du'a hin oole bilisa, Lafee fi ekeeraa – Otoon waan du'ee kaasaa? Waan gubaate daaraa irbaata qileensaa, Seera cubuu fi safuun daandii egereef gorsa, Yaadaannoo eenyummaa onnee gootaa raasa, Adiin haalluu dhugaa duuti hin oole bilisa! Alabaa Oromiyaa faajjii Madda-Walabuu, Gurracha, diimaa fi adii si qoraatuu haalluu? Gootni sif waregamee otoo bilisaaf loluu, Seenaa fi hundee kee qomoon hin wallaluu, Har'a ukkaamamtus boru bilsni hin oolu, Roorroo siin obsina abdii seenaaf tolu! Qondali yoo geeraruu qabatee faachasaa, Lubni seenaa yoo himu kan ibsu hundeesaa, Hundeetiin buqqiisuuf sirna aadaan fokkiisaa, Lammiin hin dagatu bu'uraa fi seenaa tumsaa, Gurmuun saba Oromoo walbeeka garaansa, Hundii wal qabatee akka hundee coqorsaa, Diinaaf harka hinkennu dhoksee faajjii bilisaa, Gurracha, diimaa fi adiin eenyumaa Oromoo ibsa, Gootni yoomuu hin dagattu ofi kufee ol kasaa! Qabsoo saba Oromoof bokkuu fi kalaachasaa, Fakki Odaa raagee bonaa fi ganna lalisa, Ijoollee abban Gadaaf akka damee gaaddisa, Gurracha, diimaa fi adiin seenaa Oromoo dhadhessa, Tokkuummaatu humna qomootu kufee ol kaasa! Alabaa Odaa Gares - Borani ittiin eebbisaa, Seenaaf buna-qalaa aadaaf ilma hamachisaa, Seera nagaa-tuman kan dhalate maqaa baasa, Safuu Gujjii fi Karayyuun seera uumaa tiksaa, Ollaa galma wallale guddiifaachaan moggasaa, Alabaa Odaa Bultum - Ituu ittiin shubbisaa, Yaa ijoollee arfaan qalloo aadaa ittin guddisaa, Alabaa Odaa Roobaa - Arsii ittin qeelasaa, Eleellaan fi dooqaan eenyumaa midhagsaa, Alabaa Odaa Nabee -Tulaamni ittiin dhiichisaa, Halluu jaawwii burreen anfaroo facasaa, Diina safuu hin beeknee tokkummaan kolasaa, Alabaa Odaa Bisil - Maccii ittiin dhaadhesaa, Halluun faajjii walabaa eenyumma muldhisa, Hi-yaa-lola-eeboon diinatti darboo mirmirsaa, Alabaa Odaa Makoodii - Wallo ittiin hurbsaa, Weeduu guraamaleen faajjii eenyumaa farsaa, Gootni Akoboo fi Rayyaa himaa seenaa bilisaa, Gurracha, diimaa fi adiin dhugan diina boosisa, Yaa qomoo Oromoo seenaatu egeree gorsa, Utubaa seenaa qabsoo tokkummaan ol kaasa! Lammi haa hubannu waan ta'e hiikaasa, Haallun faajjii walabuu dhaamsa ykn gorsaa, Gurrachii egereef dhaamsa wallaabumaatu dursa, Egeree hin hoodaani carraa eenyummaaf gorsaa, „Amolee abbaan tufate Ormi hawwa gomjiisaa”, Diimaan daandii dhugaa dhiigatu wal gabbiisa, Qomoon hin tuffaatu kan ibsu eenyummasaa, Aadaa Oromoo hordofaa lammiin walii tumsa, Adiin seenaa darbe qomoon ittin obsaa, „Kan darbee hin darbatani“- jechi Oromoo gorsa, „Kan seenaa tuffate hin tolu egereensaa“, Dhimmaa fi fedhii jiruun lammitu walii tumsa, „Qomoon gaafa golfaaf alagan yaa kolfasaa“ Siida aadaa gabrummaa abdii alagaa dhiisaa, Faajjii Madda-Walabuu uttubduu bilisaa, Gurracha, diimaa fi adiin dhugaatu nu gumeesaa, Alabaa Oromiyaa - Seenaan kuusaa dhaamsa, Birmadummaa Oromiyaa kan ture kalleessa, Tokkummaan haa duunuf qabsootu ol nu kaasa. Faajjii Madda-Walabuu Siida Oromummaa, Gurracha, diimaa fi adiin ibsiti seera uumaa, Alabaan Oromiyaa - wabii birmadummaa, Tokkummaa qomootu diina baasisa gumaa! Gootota Oromiyaaf |