Seenaaf dhuma hin qabu diroon itti fufa, Galma, dhimmaa fi abdiin akka qorsaa ifa. Dhara hin dhugoomsu waa faallessuu fi mormi, Fedhii saboota dhugoomsuuf kan gaaffatamu kamii, Waan sadii bu'ura haa qalbeffannu lammii, Sumsuma namummaa: Abdii, dhimmii fi galmi, Offitummaa hordofu gaaffii uumaa kan kamii, Saboota gargar qoodu kan hin-qabnee mamii. Gaara Roggee dhaapheen asii-gad yoon ilaalu, Finfinnee dhiigsaa jiru Shaggar galma qaalluu, Maaltu akeekkatamee kan lammiin wal-lollu, Isa kamtu kamii dhimma eenyuuf ooluu? Maaltu dhufa laataa abdii maaliif yeelaluu? Safuu aadaa abashaaf kun eenyufuu hin galu, Re'ee fi hoolota miti dhala-namaa qaluu? Wagga waggaan ta'e akka soorrata abdarii, Bardheengaddaa Oromoo kan qalaatan tarii, Baranammo Amarri hin qusataamuu firrii? Safuu! Waan akkana maaf maratu jarrii? Iyya bardheengaddaa hoga bartoota Oromoo, Dhiiga halluu diimaa gaafa lolaasan goomoo, Akka bolalee Shaggar isa diimeessee Oomoo, Imimmaan roobsiisee gameettiiwan Oromoo, Eenyuutu nuuf birmaate haa yaadannu qomoo. Yaa ijoollee Gullaalle seenaa darbe yaadaa, Maccaa fi Tuulamaan yeroo iyyan eengadda, Alagaan hin birmaanee booyicha-qomoo gadooda, Maaf birmannaa dhaabnee raajaf miti hooda, Fedhiitu wal nu gitu hin qabnu tokkumma hiddaa, Yaadan walii hin gallu yoo dhaaddanu waan aadaa, Qomoon qalbeeffadhaa isatu murteesa waan hunda, Dhimma nutti qabnutu kan abashootaarra addaa, Abashaan nu bituuf Oromoon mirgaaf gaddaa, Aaraarriisaani qawween kan keenyi sirna gadaa, Seera gumaa hin beekan haadhootu wal-gaadaa, Hurufa Shaggar-Finfinnee warri gulftan farda, Qondaalonni Oromoo hadaraa of eegadhaa, Qomoon qomoo dhiigsu safuu hin jiree hoodaa, Qooraatti dhoqqee keessaa ilalaa ejjeedhaa. Jarreen qaani hin beekan haa hubannu jamaa, Duruma seeraa cabsu seeraa mirga uumaa, Dimokraasii kam farsuu balleessanii lubbu namaa, Finfinnee - Shaggar maddite dhiiga halluu diimaa, Fedhii kamiif laataa seerri eenyuuf falamaa, Dhiiga nama lolaasee kan maalii tiksa dhimma, Kan safuu hin beekne aadaan sirni gabrummaa, Hundee waan faallessuuf seera wal-qixxummaa, Mirga namaaf miti dhimma aangoof mormaa, Yaa saba Oromoo kun nu hundaaf dhimma, Mirgaakeef dhaabbadhu balleessi gooftummaa, Dhimmi nutti qabnu qabsoon mirga uumaa, Hundeen buqqissuufi roorro fi bushaa-Ormaa, Dimokraasii dhugaaf dhaaddadhu Bilisummaa. Hayyuuwwan hidhaanii dimokraasii faarsuun, Seera uumaa cabsaani lubbu nama ajjeessuun, Humna aangoo abdataanii siyaasa falleessuun, Aadaa abashootaattii sobaan dhugaa dhoksuun. Sirna dimokraasii kan hin dhammane bilisa, Eenyutu isa ijjaaraa? Jiraa? Biyya eessaa? Mirga dhalootaa moo dimokraasiitu dursaa? Dimokraasiin seeraa yoo jabaate hundeensaa, Hundeesaa kan jabeessu Bilisummaatu dursa. Yaa saba Oromoo dhugaatu ibsa dhimma, Bilisummaa malee maaltu fida walabummaa, Walabummaa qofa kan ta'e wabii eenyummaa, Dimokraasii hawwun sirna wal-qixxuummaa, Diiggaa malee jijjiiruun aadaa sirna gabrummaa, Dhameessi caamsaan gogsee akkamiin elmamaa? Hin coobu yoo elman hin ta'u yoo qalaan cooma. Eyyee, Nu hundaaf dhimmaa yaa qomoo dhageessa, Ni jalqabbaame malee hin xumuramne waansaa, Muxxaanoo guddaan jirus kan darbe kaleessa, Seera uumaa hordofee bishaan gad bubbisa, Namni humna uummaten gaaratti asii-ol yaasa, Tokko dimokraasii kaan tokkummaa farsaa, Seeri cabee garuu kan nu hanqate Bilisaa, Harka wal-qabadhaa qomoon waliif tumsaa, Dimokraasiin bodaa bilisummaatu dursa. Aadaan wal gargaaruuf hayyuun Oromootaa, Maqaa Maaccaa fi Tuulamaan ijjaaratan ejjeta, Ejjenaa baddan jedhee isaanitti ta'e gooftaa, Humna qawwee abdatee dhugaa malee tooftaa, Hayyuu Oromoo hidhe; dhoowwe hojii-taayitaa, Seera miti cubbuudha cabsuun mirga sabootaa, Mirga dhaloota dhiteetu dimokrassii abjootaa? Yaa saba Oromoo cubbu abbaatu eeggataa, Wal-qixxeessaan Waaqa hawwii isatu guuta, Hawwii fi abjuu garuu abbaatu hoodataa, Diinni humna abdatu humnaaf jilbeefata, Bilisummaa dhugaatu dimokrassiif dhabataa, Hayyuu qomoo malee kan orma nama nyaata, Tokkummaan haa hirriiru isatu hawwii guuta. Seera wallallee miti akkatti eegamu dhugaan, Heera dhabee miti akkatti ijaarramu daangaan, Sirna abba gadaan kan nuu eebbiisu aagaan, Qomoon dhibee miti kan nu bulshu nagaan, Waan hidhaamnuuf malee siyaasaa fi dhiigaan, Eyyee, seeraatu cabe kan nu bulshu alagaan, Abashoonni safuu hin beekne sirna gadaa diigan, Eyyee, seeraatu cabe nu beekaa adduunyaan, Hayyuu Oromoo ajjeesu mirga uumaaf yoo iyyan. Arguun dheerinasaa daandii yoo deeman qofa, Qaata genyee namni yaadu akeekkaasaatu fafa, Daandiin bilisummaa dhimma qabsoof hangafa, Seenaaf dhuma hin qabu yerootu kuffiisee kufaa, Diroon tokko ni jalqaba kaan gamtaan itti fufa, Diroon dhuma hin qabne seenaa sabaati hafaa, Gamachuun jiireenya kaanaaf waan saadiin ifa, Uumaaman kan dirqamu inni tokkoffan galma, Namuummaf jaalatama inni lammaaffan dhimma, Inni sadaffan abdii egereef maaliitu eegamaa, Galmi, dhimmii fi abdiin waaliin utubu namumaa, Wal malee hin midhgan akka dhaaba sumsumaa, Sabaaf gammachuu kennu misoomsani eenyummaa, Eenyummaa hin misoomsu hanqiin walabummaa, Walabni eenyuummaa kaanaaf daandii bilisaaf galma, Bilisni eenyuummaa mirga namuumaaf dhimma, Dhimmi birmadummaa abdii qomoon falmama, Qomoon waliif humna yoo qabatan tokkummaa, Hawwii fi abjuu sabaf baallessuf gabruummaa, Namtokko yoo abjoote abjuudha inni dhuguma, Abjuu namtokko miti kan saba Oromoof dhimmaa, Namni heddun yoo abjoonne hojaatiin dhugooma, Gargar facca'uu keenya kan nurra fageesse galma, Kuusaa aadaa Oromoon utubnee Oromummaa, Haa hiriiruu qomoo fi lammiin akeekkanee galma, Hurufa Finfinnee galma Maccaa fi Tuulamaa, Shaggar galma qaalluuuf kan hooddatu numaa, Daandiin Bilisummaa abjuu nu hundaaf dhimma, Kan ofiitu hiika tolcha abdii hin qabnu kan Ormaa, Haa dhugoomsinu hojjan humna irree tokkummaa. Galma akeekkatame uumaamaaf dhaaddatamu, Dhimma tilmaamame eenyummaaf hordofamu, Humna quba hin-qabnee abdii boruuf eegamu, Sumsuma namummaa dhugaa hadhooftu himu. Yaa ijoollee Oromoo seenaaf haa abjoonuu, Gammachuu jiruu fi jireenyaa kadhaan hin argannu, Qabsoon akka eebbicha hadhooftuudha haa beeknu, Garaan hadhooftu tufuu booqonnaa nama hin kennu, Booda gaabbiitti hafnaa otoon hin guddaanu, Bilisa saba keenyaaf tokkummaan haa deemenu. Hayyuuwwaan Oromiyaaf |