Hoga Bartoota Oromiyaa

Dhugasaa D. Gobanaa irra
bar
Aadaaf safuu qabnaa kan Ormaa akka hintuqnee,
Heeraa fi seeraan deemuu daandii-dhugaa jennee,
Heera isan baasan kabajaaf hordoofnee,
Otoo irree hinkaasiin harka walqabanee,
Fedhii sabaaf iyyuun heeraa fi seera jennee,
Mirga uumaa namaaf sagalee ol kafnee,
Nu dhagawu seenee waan dhimmaa dhaaddanee,
Mirga jeennaan malee hiiriira kan baanee,
Dhugaaf yoo iyyataan rakkina yoom seenee?

Lammii qalbeeffadhaa gaaffi nutti kaafne,
Miseensi hawaasaa maaf waan nyaannu dhabnee?
Heeraa fi seera male qabeenyaa samaamnee?
"Qorxii dilbi diiguun kan misoomsu xannee”,
“Sobaan maaf arreedduu? Galma egeree hinqabne”
“Seera humnaa malee nagaa maaf hinyaadnee?”
“Sin haanqatee jettuu? Kan seenaaf gubannee”,
“Boruuf qalbeeffadhaa nutti hin feenu xannee”,
“Otoo harkaa qabnuu hin nyaanu kadhannee”,
“Otoo bishaan qabnu hin buluu dheeboonnee”,
“Seera mirga uumaaf kabaja hawwiinee”
“Fedhii keenyaaf malee kan Ormaaf yoom jenne?”,
„Otoo aadaa qabnuu kan Oromaa maaf baannee?”,
„Otoo afaan qabnuu qooqa Ormaan maaf aadnee?”,
Kan kana fakkaataan dhaaddanoo qabannee,
Nu dhagawuu seenee waan dhimmaa iyyannee,
Sirni aadaa cunqursaa safuu kan hinbeeknee,
Hiiriira gaffii-mirgaa ballessaffi jedhamnee,
Kan xinxaale hinjiruu seeraan hinmurtoofnee,
Adunyaa dhageessuu mirga uumaa dhabnee,
Biyya keenyaa teenyee barnoota dhowaamne!
Kessumummaa dhuftee gooftaa nutti taatee,
Mirga uumaa namaa dubbii nu dhowwiitee?
Balleessaadha jettaa? Nagaa „akkam bultee“,
Nagaa kessumummaa aadaa keenyaa tuffaatee?
Waan rakkoo himaanneef manaa nu ariitee,
Hoga saba guddaa kan simbiiroo seetee?
Seeraa uumaaf safuu lammiin qalbeeffattee?
Otoo ooltee hinbuuliin akka tuluu qariitee,
Hoga Bartoota Finfiinnee laga Gibee ceetee,
Mirga uumaaf safuu Jimma nuu dirmatee!
Akkasi seeri uumaa qomootu iyyaatee,
Iyyaa! Iyya dabarsaa akka manni gubatee!
Qomoo fi Ollaadha kan dhaamsu dirmatee!

Uguum saynii ibiddaa daraan nutti oo'iite,
Seenaa nama gubuu irranfaatan seetee?
Dhugaa qabdii jareen yerootu dheraatee,
Gumaa Rayyaa fi Qobboo otoon basiin haftee,
Wagaa dhibba dura guntuuta harmaa ciirtee,
Dhiigaa Arisii fi Baleen adda akka muuddattee,
Eessaan irranfannaa eengaddaas kan gootee,
Ijji yoom nu qooree lammiin yoom jabaatee?
Shamarraan Galamsoo warra haaduun qalte,
Morma shaggee Woboraa harkan kan micciirtee,
Gujii fi Boranaa summiin kan haxooftee,
Oromiyaa lixaa kan Abmoo fi Naqamtee,
Ijoollee Oromoo warra kichuu cirtee,
Kaleessa Finfiinnee har'a Jimma buutee,
Duuni hinoolu seeraa lama du'u seetee?
Iyya hiiriira nagaa balleessaadha jettee?
Qondala Oromoo hayyuu meeqa hiitee?
Gaffii mirga uumaa deebiin hidhaa seetee?
Seera mirga uumaa otoo qalbeffaatee,
Kan gurrii si iyyuu bookee lixe seetee,
Hoga kumaataamaa yoo dhiba ajjeefte,
Eekeeraatuu iyyataa kan jiru qofa seetee,
Hawwii bilisummaa mirga saba dhiitee,
Jechaa Oromoo hubaadhuu nagaa erga wallaaltee,
“Hin bariyuu seetee golatti hag'dee bultee”,
“Saba ittiin goyyomsuuf waadaa sobaa galtee”
“ Bilisa yoo feetaan mirga keessaan jettee”,
“Fedhiin seera uumaa ta'uusaa wallaaltee?”
“Waada saabaaf galtee sobaan dhoksuu feetee”,
Seerii ofii tumte kaanaaf sitti ulfaatee,
Dhugaan kan midhooftu afaani yoo baatee,
Heedduu itti rakkaatu sobnii yoo hordooftee,
Seena fufu beektaa seeraa uumaa eegatee,
Kan iftuu akka biiftu barii bahaan baatee,
Kan qawweessa iftuu akka baatii goobaante,
Fedhiin bilisummaa huumnaan cabsuu yoo feetee,
“Akka harre hidhaa kuttee ofitti gababsiitee”!

Beekkumsaa Oromoo yaa burqaa annanii,
Barnoota kan seenaan yoo dubbi cuunfani,
Kan Ormaa maal jedhu yeroo makmakani,
„Lammii ofii malee Orma hinabdataanii“,
Aadaa sirna cunqursaan mana nu seenanii,
Bifa jijjiraataa gorduuba geenyanii?
Mirga hinqabdan jedhuu warri hinbeekne qaanii,
Ofi baqsaa nyaachaa dhagaa nyadhaan kuni,
Sammuu tuqe laataa kan dhunaatan bookni,
Kun muxxaannoof miti hedduu nu gorsani,
Gorsa seenaa darbee har'aas haaressaanii,
Seera mirga uumaa kan qosaa godhaanii,
Mee dhagaayaa jechuun gurraa nu duchaanii,
Mee duubbaadhaa jechuun afaan nu qabani,
Mee duubbadhaa jechuun arraaba kutaani,
Ka'aa figaa jechuun kottee nu muraanii,
Mee iilalaa jechuun ija nu jaamsanii,
Halkaanii fi guyyaa summiin nu gubaanii,
Han'uraa nu dhiigsuun ribuu nu ciiranii,
Kan hun'da murteessu Waaqa of see'anii?
Mee seenaaf haa dhiifnuu hundaa hinhimatanii,
Diinni nama ajjesuu nagaa hineeguu kuni,
Borus itti fufa dhugaaf iiyyaanooni,
“Jiraatii duuani awwala hin hawwanii”,
Adunyaa hubadhaa mirgaaf duuna uni,
Iyya bartoota Oromiyaa hoga dhageessanii?

„Uguum seera uumaaf kan hoodu akka qaaluu“
„Walii tumsaan lammiin kan hawwaan hinooluu“
„Walii gallaan duruu yeroon alaa galuu“,
„Sirni aadaa nafxanyaa ajaayee akka walluu”,
„Dhuunfaan bilisummaa gaaftokko hinooluu“,
„Hoga bartoota Oromoo lammiin haa yeelalluu“!

Bartoota Oromyiaaf !
bar