Maaloo as fidi qannoo Sitoo hojjaan dammeessaa Jeejee jigsee balleessaa Roorroo kanas gabrummaa Duubattaftiis hiyyummaa Duguugee biyya keessaa! Kanniifni baddaa labuu Kan galma-saa dhaqqabuu Waltayee dhalchi lachuu Inni dammeessee galchuu! Kanniifni gooroo fi dirree Dhalchi lachuu walmirree Ka'ee ofirraa kan faccisuu Funyoo itti kaayamee Kiyyoo ittaggaamamee Ofirraa kan hanqisu! Kanniifni gammoojjii sonuu Utaalaa akka bosonuu Inni kan badda-daree Ilkee diinatti raree Mirgasaaf itti-taree Ilaakaa na mararee! Kan roggee fi kan sululaa Kan kaarran dhibban ulaa Kan gaarran kan laggeenii Yaabbattuu abbaa fardeenii! Ijoolleen biyya abbaa-koo Fiixaan baaftuun galma-koo Jabbileen Oromiyaa Hunda shiitoo kanniisaa Kam faarsetan kam dhiisaa? Ijoolleen kaabaa-kibbaa Hundashii roorroo jibbaa Gichilleen bahaa-lixaa Hundashiitoo ittilixaa Ittilixee cagadaa Akka mishingaa agadaa! Ijoolleen wiirtuu biyyaa Handhuurri qaama kiyyaa Hundashii ka'ee iyyaa Iyyee iyya dabarsaa Nama gorraatuu marsaa! Ijoolleen biyya abbaa-koo Fiixaan baaftuun galma-koo Kunoo itti-kaatekaa Waltarreen gayyaatekaa Asiin achiinis mirree Qabsoo birmaduu dirree Akka jagnootaa durii Akka gamnoota durii Barraaqaan manaa baatee Kittimaaf gadiyaate! Ijoollee baddaa Harargee Duruu bowwaattan argee Jabbilee baddaan jimaa Bayeen goorroottii simaa! Gichilloonni Barantuu Yoo shaggooyyee ragadduu Oggaa diina cagadduu Akka nama marartuu! Qeerransoo lameen Arsii Warra abbaa diina marsii Ijoollee baddaa Baalee Harqituu akka Salaalee Qabsoon keewoo bakkalchaa Wantaan keewoo kallachaa Maaliif jarri wallaalee Ammasoo si takaalee! Goodaa aannan galaanuu Baddaa leenci caraanuu Baale-Arsii Diida'aa Seenaa dheeraa-woo qabdaa Kam dhiiseen kam ida'aa? Yaa qeerransoota Gujii Warra aadaan-saa gujjii Yaa jibbilee Booranaa Yeroon keenya yoonanaa Ijoollee caffee gadaa Warra gaaddifni odaa Booranni nu eebbisee Dhuudhaa nutti deebisee Maaf jarri nu cagadaa? Leenchota Tuulam-Maccaa Ijoollee goodaan manyaa Jarroo sitti ta'ee maggaanyaa Jabbilee baddaan garbuu Tokkummaan ka'an malee Waanjoo acha'an malee Gabrummaan kun hin dabruu! Gaafa dubbiin dhuftee Kilaashiin tashattashtii Gaafa xiiqiin fuftee Shimalaan shakasshaktii Yaa warra abbaa shimalaa Ammas isas siif malaa! Hamaaqexoota Jimmaa Warra abbaa seenaa cimaa Uumee caakkaan-saa bunaa Waanjoo kana darbannaan Walabummaa argannaan Biyyi keenya nagumaa! Bowwaafoo Gibee jiraa Namaafoo namni jiraa Roorrisaan gaaraa dhufee Gabrummaa itti-fufee Maaf akkana nu diraa? Kanniisoo Iluubbaa Booraa Dheddheeroo argaan Shoolaa Warra bosonni shaayii Silaawoo boora qabuu Oljennaan maalum dhaabuu Mee eeboo harka kaayi! Yaa magaallan Wallaggaa An dhufeetan sin argaa Warra oddoon hancootee Lookoowwan maqaan Jootee Garaan koo isin abjootee! Jabbilee tiruu Leeqaa Hundatoo isin faarsaa Maqaan keessanoo meeqaa? Yaa jabbilee Wambaraa Gamas dhufeen sin baraa Yoo biyyaa baldhaa qabduu Yoo lammiis gobbuu qabduu Bilisummaa maaf dhabduu? Ijoollee baddaa Walloo Koodeewwan Afran Qalloo Warra seenaan baballoo Oromoon keewoo galaanaa Jarri kun maaf si dhaanaa? Yaa gichilloota Raayyaa Ilmaan aabboo kan aayyaa Mee ammas akkum durii Karaa gaaraa nu furii! Ijoolleen biyya abbaa-koo Fiixaan baaftuun faajjii-too Gaaraa dakaa waltaatee Walabummaaf gayyaatee Gayyaatee ukukkubdee Gabrummaa ukunkurtee Alaabaa nyaaphaa dagattee Kanshii samiitti olqabattee Walabummaan kakattee Bilisummaaf dhaadattii Lammii-shii hunda waammattii Inj ifannoon-shii hin ooluu Jarris dandayee hin qoluu Hayaa, haa deemtukaa waltarree Akka Hamtuun ishii hin agarree! Gichilleen biyya abbaa-koo Abdiin boruu axaan-too Haa deemtukaa xuruurtee Galma mana abbaa gadaa Gaaddisaa cimaa odaa Haa seentukaa kunuuntee Jaarsi biyy! aa eebbisi Jaartiin biyyaas eebbisi Waaqnis ittaa-dabaluu Kan garaan keenya abbaluu! Ijoolleen biyya abbaa-koo Kanniisoleen lammiin-too Manaa-alaa walta'aa Bilisummaaf olka'aa Waanjoo gabrummaa ha'aa! Achi ha'aatii caccabsaa Caccabsaatii darbaddhaa Mirgin hafuu ab daddhaa! Galma mana abbaa gadaa Gaaddisa guddicha odaa Gonfaatii hundeeffaddhaa Ilaafi-laamee gadaa Ammas bu'ureeffaddha! Jabeessaa akka ejersaa Dheeressaa akka birbirsaa Hundeen gadaa fagaatuu Seenaa duris akka baatuu! Barliin, 26. 03. 06 * HUBACHIISA: Kunoo gara waggaawwan sadiitii kaasee ijoolleen Oromoo qabsoo bilisummaa saba keenyaa gabbisaa jirti. Kana irratti gariin duutee, gariin hidhamtee dararamaa yoo jirtu, kaan biyya ofii gadi-dhiiftee bineensummaa gita-bittee Habashaa yoo baqattu, kuun immoo bakki ishiin buute hamma ammaattuu hin beekamne. Ammoo, kun hundumtuu qabsoo ijoollee biyya gadaa homaa duubatti deebsuu hin dandeenyee, kunoo matumaa qabsoo ganamaan kaateef san daran itti cimsaatoo jirti. Walaloon, yeedaloo geerrarsaatiin walaleeffame kun: ijoollee Oromoo fi Oromiyaa kan haarsaa taateef yaadannoo, kan mana hidhaa jirtuuf jajjabeessii fi biradhaabannoo, kan ammallee dirree qabsoo irra jirtuuf immoo mararfannoo fi raajeffannoo haa tahu! |