Quba koo Quba koo Qaama koo Qaama ilmoo namaa Jarroo mummuruuf gamaa! Ee, jarri Ee, Jarri Warri gararraan dhufe! Jara oftuulummaan Moora ijaa cufe! Jarri maqaan qawwee Warri abbaa qawwee Sitti ta'ekaa jawwee Si liqmsuufoo gamaa Hamaa hamaan namaa! Qubee too Quba koo Atoo daangaa saaniin dabarree Oobruu saanitti waa hin harree Laga saaniin ceenee Qoraan saaniin cabsannee! Mooraa saaniin lindhee Horii saaniin yaafannee Caffee saaniittin dhufnee Odaa saaniin mummurree Qeyee saaniin dhaqnee Birmaduu saaniin gurgurree Maalif sitti gamaa Jarri garaan hamaa? Qubee too Quba koo Sitti ka'ekaa jarri Jibbituun kee warri! Sheexanasaa waammatee Jinnii daboo kadhatee Si barbadeessuuf gamaa Gidiramaan namaa! Nattimi qubee too Odeessi lubbuu too Akkuma xibaaramu san Akkuma ololamu san Maddi kee Oroppaa dhaa? Gandi kee Xaaliyaa dhaa? Hayaa, qubee too Meeyaa, faajjii too Abbaan seenaa qubasaa haa mirmirsu Abbaan seeraa alangeesaa haa mirqisu: Biyyi haa yaa'u Sabni haa ka'u Waayee tee wal-haa gaggaafatu Hundee kee wal-haa iyyaafatu! Qorataan Gibxii haa deemu Quwataan Iraaq haa seenu Fara'oota haa dammaqsu Baabiloonota haa lallabsu Waayee tee haa qoratu Dharasaa haa qolatu! Faana kee haa dadhwu Misirii fi Baabiloon Foneeshiyaa-Libaanon Giriikii fi Roomaa haa gawu Ilaa dhugaan ifattaa bawu! Qubee too Quba koo Ilmaan Kuush walitti qabi Bakka yaaddesoo qaqqabi Abbayya ta'ii gannaa bona galaani Leenca ta'ii oggaa mara caraani! Somaalee fi Oromoon Afaari fi Kafichoon Hadiyyaa fi Sidaamoon Walaayitaa fi Gede'oon Gaaraa dakaa si waammatee Kunookaa si hammatee Akka mucaa si urursaa Akka jagnaa si faarsaa Hortee Kuushiif bakkalcha ta'ii Ifaan doofummaa achi ha'i! Qubee too Quba koo Oljedhiitii deemi Lafa dhugaa seeni! : Galma abbaa muudaa Masqiida xinnaa-guddaa Bataskaana hundaa Galii bakka kee qabaddhu Mirga kee dhuunfaddhu! Qeesiin siin haa qaddasu Sheekiin siin haa tallasu Qaalluun siin haa jeekkaru Gamni siin haa geerraru Jagni siin haa dhaadatu Cufti si haa waammatu Sabni siif haa dhaabatu! Biyyi siin haa dhaabbatu! Qubee too Quba koo Dachee gadaa keessatti Caffee odaa irratti Coqorsa ta'ii lafa keessa loyi Hiddii ta'ii gannaa bona lalisi Akka baqqala faajjii asxaa Oromoo ta'i Akka geeda odaa gaaddisa sabaaf ta'i! Ejersa ta'ii cufti si haa dhaabbatuu Aannan ta'ii hundi si haa jaalatuu Akka dammaa sabatti mi'aawi Akka sorsaa biyyatti urgaayi Akka gonfaa namatti miidhagi Akka garbuu angafoomi Akka bunaa eebbifami Akka fardaa Oromoon si haa leellisuu Akka sa'aa Waaqni si haa eebbisuu Bilisummaa fi misoomaan ija keenya babbani Happhee ta'ii dachee Oromiyaatti maxxani! Barliin, Bona 1994 *** Hubachiisa: Yeroon walaloon kun walaleeffame, yeroo nafxanyoonni qubee teenya irratti duula hamaa oofaa turani. Yeroo sana kan biraa hafee qeesonni Habashaa dubartii Oromoo takka tan qubee barattee barsiiftuyyu, duunaan bataskaana keessatti awwaaluu ennaa didani. Dabaleesoo, walaloon kun kora Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA) isa bara 1999 keessa Atlaantaatti (USA) taye irratti, kan uummataaf dubbifame. |