Seera gamtaa-hawaasaa kan tiksan dirqamaa fi qooda,
Sirna wal-qixxee muudan hubadhaa siiqqee fi gadaa. Gadaa sirbu weeddisaanii qondalonni Oromoo, Siiqqee godanna jedhu baasisuuf gumaa qomoo. Gadaa hundii hin sirbu safuu kan eege malee, Siiqqeen abarsaan adabdi nama safuu wallaale. Eenyuutu caalaa qabaa? Angoo dhimma murteesitu, Obboo gadaa sirbu moo addee siiqqeen godaantu. Heera gamtaa-hawaasaa kan ibsan dirqamaa fi qooda, Sirna wal-qixxee muudan hubadhaa siiqqee fi gadaa. Siiqqee qabadheen sora afaan Waqaa hubaattuu? Nama lammiisaa ganee cubuun boru kan dhaantu, Kan seera uumaa cabsee yoomiyuu hin guddaatu, Toorbii sagal nanayee hooda haa hoodaatu, Qabaate eeboofi kalachaa rakkoosa haa himatu, Seera gadaa hordoofee gumaa haa baafatuu, Kaawoo deebiif tumsaa maaf diina abdaatu? Iyya siiqqeef birmadhaa egeere waa jettu, Qomoon qomoo hin ganu safuu maaf cabsitu, Eebbaan qulquleessaaf dhugaaf haa jilbefatu. Gadaa foole yoon sirbu seera toobaa hin cabsu, Kalacha qab'een dhaadadha seenaa kayyoo fininsu, Safuu siiqqee eegadheen akka egereen lalisu, Kaawoo gamtaa Oromoof yoomiyuu akkan tumsu, Qooratiin yoon kaakadhu coqorsaan na eebbisu, Galma seenaa qabuuf hayyuun muxanoon na gorsu. Siqqee qabadeen muuda baqsaa seenaan talilaa, Coqorsaa cubeen facasaa hormaata boruuf tola, Ananoo maradheen eebbisa misooma obbolaa, Daandii dhugaa deemaa ganaamaafi galgala, Adda jabaadhaa qondalli diina tokkummaan lola. Gadaa cubachuufan qala dulacha miti korma, Eeboof gachana qab'een gulufa fardaa damaa, Baqsaan adda na muudii na qicii booka dammaa, Eebba haadha hin quufani aadaa siiqqee kan uumaa, Ittiin diina kolasuu yoo ciimsan tokkuumaa. Siiqqee muka laaftuu dhadhabbadheen dhufa, Wamichaa bilisummaa waan hundaaf angafaa, Abarsaa qomoof tooba eebba gadaafan tufaa, Birmannaa iyya siiqqeef cubuun kar'a cufaa, Nagaan akka bu'uu godaana siiqqee hordofaa. Gadaa namni sirbu safuu eeggatetuu cookaa, Afaan namaan miti afaan Waaqaan hibbaka, Siiqqee muka laaftuu ulfina qabdi beekaa, Seera gadaatu adaba akka hin ciire ceekaa, Yoo ciraan abarsaa kan roobsu bakkakaa, Nagaa gaaffii Waaqa hin hawwamu gonka, Iyyaa iyya dabarsaa iyya siiqqee fi tooba, Lammiin kan godaneef kaanee kaabaafi kibbaa, Bahaafi lixaan dhufan diinni biyyaa ambaa, Aadaa gadaa fi siiqqee nu dhorkan dubbii arabaa, Sirna wal-qixxummaa cabsani ijaaran casaa sobaa, Godaana siiqqeef safuu egereef himaa eebba, Mirga uumaa nama sirna dhuugaattu utuba, Bilisni hin haftu nyaattus ilimaa fi abbaa. Waaqni walgitaan uumee ilaalaa waan hundaa, Diroo akka hin ciinnee seenaan abba fi hadhaa, Lakku yookaan cimdii seera mi'aawaa fi hadh'aa, Hojjaan dheeraaf gabaabaa yookaan xiinnaaf guddaa, Wal abdee haadhoon lakkuu bischaantu amsaa ibidda, Tarkaanfi bitaafi mirga yookaan duuraaf boodaa, Qabsoon bilisummaa bu'ee ba'eetu seenaa hedaa, Seera gamtaa-hawaasaa kan tiksan dirqamaa fi qooda, Uumaa kabajaanii kan miisoomsaan aadaa, Sirna wal-qixxee muudaan hubadhaa siiqqeefi gadaa. Siiqqee, abarsaasheef safuu muka jidhaa gogsa, Siiqqeen eebba yoo roobdee diroon laate lalisa, Seera gamta tiksitee riqaa quunaamtti hawaasaa, Tilmaamti egereef rakkoo jiruuf hiikasaa. Gadaa, Eeboo dalga qabe adunyaan mee ilalaa, Mirga uumaatu cabe nagaa buusuufan lola, Sirna cunqurfataa nama qala akka hoolaa, Seera gabromfataa nama xaaxee takalaa, Dhugaan humnaaf hin badu egereef ta'a galaa, Qomootu gumaacha galaa bilisaafi kan beelaa, Iyyaa iyya dabarsaa hoga seenaa qondaalaa, Walabaaf akka duunu haa beekaani warri oollaa, Wallaaluumman saani dhuma hin qabu silaa, Haa qalbeefatani fedhi nuti qabnuufi haala Cunqursaamuu jibbinne ganamaa fi galgaala, Nagaan bilisaan misoome jiruu fi jireenyaaf tola, Safuu kan kabaju kesuumaan buletu gaala, Sirna gadaa kabajaa gaddaa hin roobsina eela. Siiqqee, Mirga dhala namaa warri cabsan diina, Dirqama seena qabna guddaa hin jennu xinnaa, Qomoon waliin goodaanna tokkummaaatu humna. Aadaa gadaa Oromoof kan nutti ta'ee gufuu, Gaddaatu nu qabaate otoo hin caabsiin safuu, Misooma nu dhebeese egereef kan nu ifu. Gadaan seera waltajii seenaaf annisaa ilaala, Qabeenyaa misoomsaa sabni hin sodaatu beela, Uumaa mararfata akka hin jallaane madala, Lammii qalbeeffadhaa dhugaaf yoo duan tola, Dinni fira hin ta'u warra dhiyoo taa'us ollaa, Gorsaa fi abdii diinaan maaliif buufutu balaa, Odaa fi dakkiin laguu maaliif cirtuu baala, Uumurii dheeraa qabuu seenaa bule xinxalaa, Hidda dhiiga tokkummaa qomoo fi obbolaa, Hawaasaaf gaddisaa isaaniin olee bulaa, Obbolaatu walitti hafa diinni nyaateetu gala, Fedhii har'aa miti galmaa egree ilalaa, Luba bahaa lammiin walii ta'aa waayela! Seera Siiqqeen goddaana qondalli nu geeraaraa, Mirgaaf yoo iyyanuu offirra buusuuf dorraa, Abdi biraa hinqabnuu kan ta'u hundee seeraa, Seera Gadaa malee kan maddu dhugaarraa, Diina Oromoof caaqaa nuuf egeeree ijaara! Galatooma lammiin kan hubataan seenaa, Birmajjiin kan daaktaan boru maaxiinanaa, Daballeen dalagdaan gootaan tatafanaa, Killollen weeddiistaan Follee himaa seena, Dulloon irree cimmaa Qondalaan falmana, Luba Bilisummaa hayyuu rageen baana! Namni boruuf hin abjoonee kan darbee iraanfataa, Seera Siqqee fi gadaan sabaatu dhunfata tooftaa, Beektoonni Oromoo yaadaa qabduu laata? Qondali Gadaa sirbuu siiqqee mararfata, Gumaata Ormi hin kennu qomoo qofaa abdata, Sabni yoo kan offiin boonee diinasaa injiifataa, Hundaa qaba qooda hin qusaatiinaan gumaata, Shaamaraan Oromoo eebbi atteetee hiixataa, Dargaagoo Oromoo seenaan sin eegaata, Oogeessoota Oromoo sintu daandii qotaa, Dadhabnee hinjedhiinaan „namni hojjiisaa nyataa“, Tokkummaatu humna abdii fi hawwii goota! Obboo Sisai Ibsaf |